Xurree ittiin seenan

Breaking News

FAOn Xumura Waggaa Kanaatti Weerara Hawwaannisa Afriikaa Bahaa To’achuuf Abdachuu Beeksise  


Projektiin Jarmayaa qonnaa addunyaa kan FAO xumura waggaa kanaatti weerara awwaannisa gammoojjii Afriikaa dhiyaa weerare to’annaa jala kan oolchu ta’uu beeksise. Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti weerarri kun nuusa jaarraa keessatti isa hamaa yoo ta’u qabeenyaa qonnaan bulaa naannoo Sanaa mancaase.

Iityoopiyaan yeroo ammaa hawwaannisi akka wal horuuf haala mijataa kan ta’e rooba baatilee hedduu booda yeroo makaraa keessa jirti.

Gamaaggamni jarmayaa qonnaa addunyaa Onkoloolessa 15 maxxanfame akka ibsutti awwaannisi kun miidhaa guddaa midhaan irraan kan ga’e naannoo Amaaraa gama dhiyaa, kibba gama dhiyaa Tigraayii fi Oromiyaa gama dhiyaa keessatti haalli isaa hammaatee jira.

Qilleensi gama kibbaatti bubbisu naannoo Somaalee akkasumas Keeniyaa fi Ugaandaa keessatti weerara kana hammeessuu mala yaaddoo jedhu dhaqqabsiisera.

FAOn Xumura Waggaa Kanaatti Weerara Hawwaannisa Afriikaa Bahaa To’achuuf Abdachuu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:15 0:00


Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG