Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraayiif Deggeersa Walitti Qabuuf Koree Hundeessinee Jirraa:Paartiin Badhaadhinaa 


Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti miidhaa Hawwaannis dhaqqabsisuu ittisuuf akkasumas qonnaan bultoota kanaan miidhaman deggeruuf maallaqa barbaachisuu walitti qabuuf paartiin Badhaadhiinaa kan Tigraay koree hundeessee jira.

Waltaasisaa koree kanaa fi Finfinneetti waajiira Badhaadhinaaf itti gaafatamaa Seektaraa kan ta'an Obbo Haaftaay Gabra Egziyaabiheer Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti koree kana dhalattoota Tigraayii fi lammiwwan Itiyoophiyaa kanneen biroo irraa deggersa walitti qabuuf hundeeffame jedhan.

Maallaqa kana walitti qabuuf herreegi baankii banamuu fi lammiwwan Itiyoophiyaa martii gargaarsa kennuu akka danda'an ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsebahaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG