Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Hayyoota Walaayittaa Hoogganoonni Godinichaa Mana-hidhaa Jiran Akka Hiikaman Gaafate


Hiriira Walaayittaa (Suuraa faayilii)
Hiriira Walaayittaa (Suuraa faayilii)

Bulchiisa naannoo Kiibbaa, godinaa Walaayittaa keessatti sirna mootummaa diiguudhaan, bulchiisa naannoo labsuuf sochiin taasisame, jechuun Koomishiniin Poolisii Federaalaa beeksisee jira.

“Akka naannootti ijaaramuun gaaffii uummataa ti” kanneen jedhan – qaaamni hawaasa Walaayittaa immoo, gaaffiin kun akka deebii argatu sochiin godhame sirrii dha – amantaa jedhu qaban. Obbo Daagaatoo Kumbee dabalee – hoogganoonni godinaa Walaayittaa amma hidhaa jiran yaada tarkaanfachiisanii fi deemsa isaanii kanneen deggeran keessaa tokko Waldaa Hayyoota Walaayittaa yoo tahu, hoogganoonni godinichaa amma mana-hidhaa jiran akka hiikaman gaafatee jira.

Akka naannootti ijaaramuun gaaffii uummataa tahuu ka dubbatan – namni akka maqaan isaanii ifatti hin himamne tokko, deemsa isaa keessa dogoggorri hin jiru. Inumaa deemsichi kan ittiin ilaalamu, heera biyyattiin qofa tahuu qaba – jedhan.

Itti-aanaa Koomishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa fi itti-gaafatamaan damee qorannaa yakkaa – Zalaalam Mangistee kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, aangawoota mootummaa gochaa kana raaw’atanii irratti himannaan dhihaachuu isaa fi kanneen haga ammaa to’annaa jala hin galiin jiranis ka barbaadaa jiran tahuu ibsan.

Akka naannoo sana heerri hin jiraanne, sirna seeraa diiguudhaan karaa heera mootummaa diiguun deemuun isaanii ka faallaa mirga abbaa-biyyummaatiin deemu, ka jedhan itti-aanaan Koomishinaraa Poolisii Federaalaa kun, namoota kana irratti ragaan namaa fi galmee walitti-qabamuu isaa dubbata, jechuudhaan, Yonaataan Zebdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG