Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirtonni Leegoos Ugguura Sochii Labsameef Diddaa Qaban Ibsaa Jiru


Naayjeriyaa keessatti Kibxata kaleessaa galgalaa "gocha gara jabinaa polisoonni rawwatan"mormuun namoota hiriiran irratti looltoonni dhukaasa bana gabaasa jedhu qorataa kan jiran ta'u aangawoonni beeksisanii jiru.

Hiriirtonni Leegoos Ugguura Sochii Labsameef Diddaa Qaban Ibsaa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00

Magaalaa daldalaa fi gudditti kan taate Leegoos bakka"Lekki Tool Plaazaa" jedhamutti rakkoon kun mudatee jedhamee jira.

Namnii haala ture ijaan arge tokko maddeen Oduuf akka ibseetti looltoonni Plaazaa sana eega seenanii booda ibsaan dhaamee dhukaasnii jalqabame jedha.

Namnii kunii fi kanneen biroon akka ibsanti iddoo sanatti namnii ajjeefaman ni jiran.

Bulchaan Leegoos ugguura sochii sa'atii 24 labsan halkan jalqabaatti dhukaasii kun gaggeeffame.

Oduu haaraa nu dhaqqabeen immoo hiriirtonni uggura sochii labsamee didanii jiru.Bulchaanis akka jedhanti nama tokkootu ajjeefame.

Embaasiin Yunaaytid Isteets gamasii akka ibseetti konyaalee Qonsilaa kan Abujaa fi Leegoos keessatti hiriirrii gaggeeffaman harka caalaan nagaa akka ta'an, hangi tokko immoo hokkaraan kan guutaman ta'u beeksisee jira.

Buufata polisii hangi tokko qiyyaafata jala seenuu fi Onkolooleessa 19 bara 2020 kaasee manneen barnootaa guutuummatti cufamee ibse.Qonsilaan Amerikaas kaleessaa fi hara cufaatti oole.

Kunis mormii deemaa jiruu fi ugguura sochii sa'atii 24 labsameef ta'u hubachiisuun lammiwwan Amerikaa naannoo hiriirri itti gaggeeffamu irraa akka fagaatan, midiyaa naanoon immoo oduu jiruu fi sochii Traafiikaa akka hordoofan hubachisee jira.

XS
SM
MD
LG