Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Itiyoopiyaa Gama Dhiyaa Hoomaa Hawwaannisaa Irraa Qullaa’uun Gabaasame 


Naanolee hollaa Itiyoopiyaa gama bahaa kan qindoominaan hawwaannisa ittisuuf gurmuun sosso’aa ture Dirree Dhawaa fi Harargee dhiyaa weerara Hawwaannisaa irraa qulqulleessuu isaa ifa godhee jira. Gurmuun kun ibsa gaazixeessotaaf kenneen akka beeksiseyyi Hararge bahaa keessaa aanaa tokko irraan kan hafe aanaalee ka biroon hawwaannisa irraa qulqullaa’uu isaa ibsee naannoon Harariis yeroo dhiyoo ni qulqullaa’a, itti aansee immoo ilaalchi isaa guutummaan naannoo Somaalee irra ta’a jedhee jira.

Biyyoonni hollaa Itiyypiyaa gama dhiyaa weerara kana ittisuuf qindoominaan hojjechuuf kallattii kaa’ameen daangaa siyaasi sarare tilmaama keessa utuu hin galchin waliin ta’uun hojjetaa akka turan beeksisan. Kanaanis naannoleen weerara hawwaannisaan akkaan miidhaman qulqullaa’aa jiraachuu gurmuun kun beeksisee jira.

Naannolee baha Itiyoopiyaa bakka bu’uu dhaan ibsa kan kennan itti aanaa itti gaafatamaa waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi itti gaafatamaa waajjira qonnaa, bishaanii fi albuudaa Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yusuuf turan.

Oromiyaa bahaa, Dirree Dhawaa fi naannoleen Hararii walitti siqeenya namootaas ta’e oomisha midhaaniin naannoo Somaaleettii adda ta’uu kan ibsan obbo Geetuun irra hedduu lafa dheedichaa kan ta’eef namoonni wal irraa fagaatanii kan jiraatan naannoo Somaalee Hawwaannisa irraa qulleessuuf itti aansee dandeettii guutuun akka hojjetan ibsaniiru.

Adeemsa kana keessattis hirmaannaan uummataa gaarii akka ture yaadachiisanii dhiyeessiin xayyaaraa, helikoopteraa fi mootummaan federaalaas deggersa ga’aa nuu godheera jechuu dhaan itti gaafatamaan waajjira qonnaa, bishaanii fi enerjii Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yusuuf galateeffataniiru jechuun Addis Chekol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG