Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishanarri Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa Tarkaanfii Humnoonni Naayijieriyaa Fudhatan Balaaleffatan 


Kooshinarri ol’aantuun Koomishina Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa Misheele Baachileet, mootummaan Naayijeeriyaa humna waraanaa gitaa olii, uummata hidhannoo hin qabne magaalaa Leegoos keessatti hiriira ba’etti bobbaasuun miidhaa dhaqqabsiisuu balaaleffatanii jiran.

Hiira kana irratti yoo xiqqaate hiriirtonni 12 ajjeesamuu fi ka biroo hedduun madaa’u gabaase – dhaabatni mirga namoomaa sadarkaa Addunyaa – Amnestii Internaashinaal. Namoota hidhannoo hin qabnetti dhukaasanii ajjeesuun, akka fixinsa murtii seeraatii alaatti ilaalama, jedha – dhaabbatichi.

Koomishinarittiin Koomishina Mirga Dhala-namaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – Misheel Baachileet, dhukaasa humnoota mootummaatiin hiriirtota irratti baname sana dura, caasaan kaameraa Televiiziyoonaa fi ibsaan beekaa addaan kutamuu isaa ilaalchisee gabaasaaleen bahan kan isaan yaaddesse tahuu dubbatan. “Kun dhugaa tahuun mirkanoofanaan, haleellaa akkan hamaa itti yaadamee, karoorfamee, qineeffamee namoota nagaadhaan hiriira bahan irratti geggeessame tahuu isaa ti,” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG