Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Kibbaa Gurra Fardaa Keessatti Haleellaan Rawwate Lubbuu Galaafachuutu Ibsame


Faayilii - Adabaabaayii Sumudaa, Hawaasaa
Faayilii - Adabaabaayii Sumudaa, Hawaasaa

Naannoo gama kibbaa godina Gurra Fardaa aanaa Giniiqaanaa ganda Shoobii keessatti hidhattoota eenyummaan isaani hin beekamneen haleelaa raawwateen qonnaan bultoonni miidhaman yaaddoo guddaa keessa jiraachuu isaanii dubbatu.

Naannoo Kibbaa Gurra Fardaa Keessatti Haleellaan Rawwate Lubbuu Galaafachuutu Ibsame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00

Ganda isaanii keessaa baqatanii magaalaa ka biro keessa dahataii kan jiran obbo Tezrraa Yimaam haleellaa sanaan obboleessa isaanii obboleettii akkasumas miseensonta maatii isaanii afur hidhattoota kanaan ajjeefamuu dubbatu.

Ol aantummaan seeraa yoo hin kabajamne gareeleen haleellaa sana raawwatan to’annaa jala oolanii tarkaanfiin yoo hin fudhatamne jiraachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Jiraataan ganda Sanaa eenyummaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan tokko haleellaa sana jalaa miliqanii magaalaa Biift seenuu isaanii ibsanii eenyummaan isaanii adda baafamee dhalattoota Amaaraa irratti haleellaan raawwachuu isaa dubbatu.

Dargaggeessaa qabee hanga maanguddootti daa’immanii hanga haadholiitti ajjeefamuu dubbatanii raayyaan nageenya eegsisu ga’aan hin seenu taanaan amma iyyuu haleellaan kan irra ga’u ta’uu ibsanii yaaddoo fi soda guddaa keessa jiraachuu VOAf ibsaniiru.

Guyyoota lamaan walitti aananiif aanaa sana keessatti haleellaa raawwatameen namoonni 31 yoo ajjeefaman 5 immoo madaa’aniiru. Lammiiwwan 1500 ta’an immoo qe’e ofii irraa godaanuun ibsamee jira. Hanga kaleessaatti yakka kana raawwachuun kanneen shakkaman namoonni 16 to’annaa jala ooluu bulchaan godina Sheekkoo obbo Fitiree Amaan dubbataniiru.

XS
SM
MD
LG