Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maanguddonni Matakkal Rokko qaban Dr.Abiyyi Ahmadiif Ibsanii Jiru


MM Abiyyi Ahimad fi pirezdaantii naannoo Beenishaangul Gumuz hawaasa wajjin marii geggeessan, Matakkal
MM Abiyyi Ahimad fi pirezdaantii naannoo Beenishaangul Gumuz hawaasa wajjin marii geggeessan, Matakkal

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed har’a jiraattoota bulchiinsa naannoo Benishangul Gumuz godina Matakkal waliin marii geggeessaniin kallattii kaa’uu isaanii mootummaan naannoo sanaa beeksisee jira.

Bulchiinsa naannoo Benishaanguul Gumuzti kan imalan mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamad maanguddoota biyyaa kanneen filataman waliin marii gaggeessuu isaanii itti aanaa bulchaan naannoo sanaa Obbo Geetaahuun Abdisaa ibsanii jru.

Jiraattonni rakkoo naannoo sana keessa jira jedhan mummicha ministeeraaf dhiyeessuu isaanii kan ibsan Obbo Geetaahun yaada jiraattonni dhiyeessan irratti marii gaggeeffamees Dr. Abiyyitu gaggeessaa ture jedhan.

Dhuma irrattiis yaadaa fi qajeelfamnii kennamuu ibsanii olaantummaa seeraa kabajsisuuf duula gaggeeffamu keessatti sadarkaa bulchiinsa naannoo qabee hanga fedeeraalaatti miseensii hogganaa jiru mara biraa hirmaannaa kan barbaadu ta'uun ibsamee jira jedhan.

Marii har'a kana irratti ministeera Nagaa Mufriyaat Kamiil fi Itaamaajor shumiin raayyaa ittisaa kan walii galaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa akkasumas aangawoonni sadarkaa olaanaa kanneen biroon argamuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Caqasaa

Maanguddonni Matakkal Rokko qaban Dr.Abiyyi Ahmadiif Ibsanii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00


XS
SM
MD
LG