Xurree ittiin seenan

Breaking News

Feesbuukin Fuulawwan Mootummaa Yugaandaatin Hidhata Qaban Cufe


Dhaabbatni Feesbuukii, fuulawwan feesbuukiilee mootummaa Yugaandaa, ka Yuheerii Museviiniitti hidhata qaban mara cufee jira. Feeskiilee mootummaatti hidhata qaban kun, filannoon prezidaantummaa Yugaandaa keessatti geggeessamuu dura, yaada uummataa burjaajessuu fi micciruuf itti fayyadamamuu malan – jechuun cufe, dhaabbatichi Feesbuukii.

Dhaabatni miidiyaa hawaasummaa Yunaayitid Isteetis keessa maadheffate kun, caasaaleen akkaawuntiilee Feesbuukii cufe sun, kan Ministirii odeeffannoo fi Teknooloojii Kominikeeshiniitti hidhata qaban tahuu adda-baafachuu isaa har’a dubbatee jira. Maddi Oduu Asoosheetid Press immoo, “Dubbi-himaan Prezidaantummaa Yugaandaa – Doon Wanayaamaa, Feesbukiin dhimma filannoo Yugaandaa keessa harka galfate, jechuun balaaleffatan,” jechuun gabasee jira.

Uummatni Yugaandaa, Kamisa dhufu kana filannoo biyyoolessaa geggeessamu irratti Prezidaantii biyyattii – Yuweerii fi kaadhimamtoota ka biroo isaan waliin dorgoman kudhan keessaa, nama marsaa itti aanuuf biyyattii hoogganu filachuuf jiran.

.

XS
SM
MD
LG