Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamtoonni Ajjeechaa Maay Kaadraa Mana Murtii Duratti Dhiyaatan


Yakka fixiinsa lammiwwanii kan Maay Kaadraa keessatti gaggeeffameen kan shakkaman namnii 2 fi waltaatoonni isaanii 3 mana murtii duratti har'a dhiyaachuu isaanii dhaabbati Oduu Itiyoophiyaa gabaasee jira.

Isaan kun har'a mana murii sadarkaa giddu galeessaa federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaaatti dhiyaatan.shakkamtoonni lama jechuunis Tasfaay Kabbadaa fi Abbaadit Abrahaa fixiinsa magaala Maay Kaadraa akka gaggeeffamu eega godhanii booda Finfinneetti dheessan jedhaman.

Kanneen biroon sadeen,Obbo Kidanee Gabra Hiwoot,mulaalem Yohaannis fi Freesenbet Lammaan walta'uun jarreen kana dhoksan jedhamn.Manni murtiis dhimma isaanii ilaaluuf bellama kennuun ibsamee jira

XS
SM
MD
LG