Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artiist Yaaddessaa Booji'aa Hojii Gama Miidiyaa Hawaasumman Hojjatuun Beekkamtii Argate


Artiist Yaaddessaa Booji'aa
Artiist Yaaddessaa Booji'aa

Artiisti Yaaddessaa Booji’aa ogeessaa graafik dizaayiniiti. Bifa barumsaa kana, akkasumas kominikeeshiniidhan Yuniversitii lama irraa eebifameera.

Yeroo Ammaa kana as Yunaaytid Isteetis, kutaa Waashingitan keessa an jiru Yunversitii Waashingitan jiruuf ogummaa isaatiin hojjata.

Yaaddessan hojii aartii- keesumattuu fakkii namoota bebbeekkamoo kaasudhan - hawaasa Oromoo biratti beekkama. Dhiheenya kana immoo hojii hawaasaf tola ooltummadhan hojjatuun dhaabbata Afrikaan Achiivimant Awwaardi jedhamu irraa beekkamtii “male social media influencer”, jechuunis Miidiyaa Hawaasummaa fayyadamuun nama dhiibbaa gaarii uummuu danda’e mata duree jedhu jalatti damee dhiirotaatin badhaasa beekkamtii argateera.

Sertefikeetii beekkamtii artiist Yaaddessaa Boojia dhaabbata Afrikaan Achiivimant Awaard irraa argate
Sertefikeetii beekkamtii artiist Yaaddessaa Boojia dhaabbata Afrikaan Achiivimant Awaard irraa argate

Dhaabbatichi lammiiwwan Afrikaa fi hidda dhaloota Afrikaa qaban hooggansa, tajaajila hawaasummaa, barnoota, aartii, faashinii, akkasumas ispoortiidhan gummaacha godhaniif beekkamti keenna.

Haaluma kanaan, Yaaddeessan keesumattuu hojiin weerara vaayrasii koronaatiin wal-qabatee hawaasa biratti hubannoo uumudhaa hojiiwwan gama miidiyaa hawaasummaatin hojjachaa ture badhaasa argateef sababa ta'uu dubbata.

Qophii keenya Waayee Uummata Oromoo Kana Beektuu Laataa irratti keessuummaa godhanneera, dhaggeeffadhaa.

Artiist Yaaddessaa Booji'aa Hojii Gama Miidiyaa Hawaasumman Hojjatuun Beekkamtii Argate
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:54 0:00

XS
SM
MD
LG