Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Giifti Duree Ameerikaa Kan Jiil Baayiden 


Seenaa Giifti Duree Ameerikaa Kan Jiil Baayiden
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:35 0:00

Haati warraa prezidaantii haaraa kan joo Baayiden Jill Biden, hojii isaanii White Housef dursa kan kennan imaammata barnootaaf ta’uu ifa godhaniiru.

Jill Baayiden jireenya naannoo Waashington kessa beeku, sababiin isaas abbaan warraa isaanii waggoota 36f seniti US waggoota saddeet immoo ennaa bulchiinsa Baaraak Obaamaa Itti aanaa prezidaantii ta’uun hojjetaniiru.

Jiil Baayiden haadha warraa prezidaantii isaan jalqabaa digirii doktorummaa qabni.

Abbaan warraa isaanii hirbuu seenuun aangootti dhufanii torban tokko yeroo hin guunneetti Baayiden gita isaanii hayyoota barnootaa waliin intrneetii irratti wal ga’ii geggeessuu dhaan rakkoon barsiisota Ameerikaa mudate jiru kan isaan dursa kennaniif ta’uu beeksisan.

Martinuun keenya yeroo ammaa rakkoo hedduutu nu mudatee jira. isin immoo daran akka rakkattan nan beeka. Garuu nuyi hyyoonni barnootaa yeroon kun kan keenya. Sababiin isaas jeeqama attamiin waa gaariitti akka jijjiirru beekna. Kanas daree barnootaa keessatti guyyaa guyyaa kan hojjennu dha jedhan Jiil Baayiden.

Muuxannoon seenaa barnootaa kan yeroo dheeraa Baayiden ilaalchisee, akka giifti dureetti hojii isaanii irraa waa hedduutu eegama.

XS
SM
MD
LG