Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishinarri Dhimma Baqattootaa Ol’aanaa Ka Tokkummaa Mootummootaa Itoophiyaatti Imalan


Koomishinarri Dhimma Baqattootaa Ol’aanaa Ka Tokkummaa Filippoo Graandii
Koomishinarri Dhimma Baqattootaa Ol’aanaa Ka Tokkummaa Filippoo Graandii

Koomishinarri Dhimma Baqattootaa ol’aanaa ka Tokkummaa Mootummootaa Filippoo Graandii, haala Tigiraay keessaa fi haala baqattoonni Ertiraa naannicha keessa qubatan itti jiran xiixnilaluuf jecha yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessa jiran.

Mr. Graandiin naannoo Tigiraayitti imaluu isaanii dura Ministara Nagaa Itiyoophiyaa fi Dura-teessuu Koree Ministarootaa hojiiwwan gargaarsa namoomaa Tigiraay keessaa to’achuuf dhaabbatee ka tahan, Aadde Muferiyaat Kamiil wajjiin walga’uudhaan dubbatanii jiran.

Uummata naannoo Tigiraay keessatti rakkoof saaxilame gargaaruuf carraaqqii godhamaa jiru ilaalchisuun, Koomishinaricha ol’aanaa Dhimma Baqattoootaa ka Tokkummaa Mootummootaa – Filippoo Graandii ibsa kennuu isaanii, gaazzexeessotatti dubbatan – Aadde Muferiyaat.

Jaarmayaan Dhimma Baqattootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – UNHCR, mooraalee baqattootaa ka Tigiraay keessaa sana keessaa haga tokko dhaqqabuu akka hin dandeenye mootummaan Itiyoophiyaa dhorkuu isaatti yaaddoo qabu ibsee ture.

Daawwannaan hoogganaa jaarmayichaa kan ammaa kun, mooraalee sana isaan dhaqqabsiisaa fi dhiisaa wanni ifatti beekame hin jiru, jechuun, Melleskaachew Ammahaa Finfinnee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG