Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa Uummata Tigraay Qarqaaruf Qarshii Biliyoona 9 Na Barbaachisa Jedhe


Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa naanoo Tigraay irraa gara Sudaan baqatanii mooraa Um-raquubaa jiran, Muddee 2020
Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa naanoo Tigraay irraa gara Sudaan baqatanii mooraa Um-raquubaa jiran, Muddee 2020

Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa, Tigiraay keessatti uummata miliyoona sadi’ii ol tahu gargaaruuf qarshii Itiyoophiyaa Biliyoona sagal kan isa barbaachisu tahuu beeksise.

Federeeshiniin Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Idiladdunyaas gargaarsuma kanaaf Fraankii Siwiz Biliyoona 27 jechuun qarshii Biliyoona tokkoo fi qabxii lama kan isa barbaachisu tahuu kan iyyate yoo tahu, Koreen Fannoo Diimaa idil Addunyaas gama isaatiif uummata Tigiraay keessatti rakkate kana gargaaruuf, qarshii Biliyoona lamaa fi Miliyoona afurtamii toorbaa gaafatee jira.

Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa, Federeeshiniin Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa idil Addunyaa, ibsa waloon kennaniin akka beeksisanitti, Sudaanii fi Jabutiin jeeqama dhiheenya kana ka’een haala wal-qabateen deggersi haga ammaa godhanii fi gochuuf karoorfatan bajata isaan barbaachisu wajjiin kan wal hin gitiin tahuu, ibsa miidiyaalee addunyaaf kennaniin hubachiisanii jiran.

Ibsa Konferensii Viidiyootiin har’a kennaniin – Prezidaantiin Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa – Obbo Abarraa Tolaa, uummata Tigiraay keessatti rakkaate miliyoona sadi’ii ol gargaaruuf, jaarmayaan isaanii waggaa tokkotti qofa qarshii Itiyoophiyaa Biliyoona 9 kan isa barbaachisu tahuu hubachiisan, jechuun Mesfin Arraagee gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG