Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dararaa Tigraay Keessatti Raawwate Jedhan Mormuuf Lammiiwwan Itiyoopiyaa Diisii Keessatti Hiriira Nagaa Geggeessan 


Lammiiwwan Itiyoopiyaa biyya alaa jiraatan kanneen kumaan laka’aman kaleessa ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis fuulleetti hiriira morimii geggeessanii jiran. Qindeessitoonnii fi hirmaattonni hiriira kanaa VOAf akkas jechuun ibsan.

Dararaa Tigraay Keessatti Raawwate Jedhan Mormuuf Lammiiwwan Itiyoopiyaa Diisii Keessatti Hiriira Nagaa Geggeessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:23 0:00

Hiriira naga kan har’aa kan qopheessineef fixiinsa sanyii uummata Tigraay irratti labsame mormuuf jecha jedhan.

Qindeessitoonni kun akka jedhanitti hawaasi addunyaa ajjeechaa mootummaa Itiyoopiyaa fi humnootii Eertraan raawwatamu akka dhaabsisu gaafacuuf jecha.

Fiixiinsa danyii, dhumiinsa gosaa fi gargaarsa namoomaa ugguruun yakkaawwan mormitoonni kun tarreessan keessaa ti.

Hiriira kanaaf deebii kan kennan Yunaayitid Isteetisitti ambaasaadderri Itiyoopiyaa Fitsum Araggaa VOAf akka himanitti himannaaleen dhiyaatan kan hundee hin qabaanneef dhugaan kan itti hanqatu jedhan.

Mootummaan kana ta’e jedhee waan godhuuf sababi tokko illee hin jiru. Lammiiwwan oolchuuf hojjetaa jira. martinuu lammiiwwan keenya jedhan.

Mootummaan naannoo sana tasgabbeessuu akkasumas caasaalee TPLFn manca’an deebisee ijaaraa jira jedhan. itti fufanis, mootummaan buufataalee midhaan nyaataa, dawaa fi meeshaaleen barbaachisan ka biroon irraa raabsaman 90 ol hundeesseera jedhan.

TPLF naannoo sanaa utuu hin baqatin dura kanneen sabatiinsa dhabamuu Tigraay keessaa gumaachanii yakkamtoota 13 ol mana hidhaa keessaa gad dhiise jedhanii humnoonni mootummaa ajjeechaa bifa kamiinuu hin raawwanne jechuun haalanii jiran.

XS
SM
MD
LG