Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Walitti Bu’iinsa Somaaliyaa Keessaa Harka Hin Qabu Jette 


Aara bakka lolli waraana Somaalii fi humnoota Jublaan edduutti deemaa jirutti mullatu, Amajjii 25, 2021
Aara bakka lolli waraana Somaalii fi humnoota Jublaan edduutti deemaa jirutti mullatu, Amajjii 25, 2021

Keeniyaan torban kana walitti bu’iinsa mootummaa federaala Somaaliyaa fi kutaa Juublaand gidduutti uumamee namoonni 20 ol ittiin ajjeefaman tuqatte jechuun kan Somaaliyaan himatte haaltee jirti.

Keeniyaan Walitti Bu’iinsa Somaaliyaa Keessaa Harka Hin Qabu Jette
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:45 0:00

Somaaliyaan muddama siyaasaa fi sabatiinsi dhabamuu isaa keessaa harki hollaa ishee akka jiru cimstee dubbatti jedha gabaasi Mohammed Yusuuf.

Dubbi himaan mootummaa Keeniyaa Cyrus Oguna Naayiroobii keessatti ibsa tuuta oduuf kennaniin biyyi isaanii muddama bulchiinsa Moqaadishoo fi kutaa federaalaa Jubland jiru waliin hidhata tokko iyyuu hin qabdu jedhan.

"Ogunaan akka jedhanitti nuti akka biyyaatti dhimma siyaasaa keessoo kan Somaaliyaa keessa hirmaachuu isa jedhu akka hin simanne ifaa fi ifatti ibsuu barbaanna. Kanaaf hoogganni Somaaliyaa martinuu Keeniyaa gara dhimma isaanii keessootti harkisuu irraa akka of qusatan gaafanna.

Nageenyi akka bu’uuf dhiibbaa gochuu itti fufana, hoogganoonni Somaaliyaa keessaa martinuu walitti bu’iinsa jiru marii dhaan haala furuun danda’amu akka uuman gaafanna jedhan.

XS
SM
MD
LG