Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinerri Ol Aanoon Dhimma Baqattootaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Itiyoopiyaa Daawwatan 


Faayilii - Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri ol aanaa dhimma baqattootaa Filippoo Garaandii
fi itti aanaa muummmee ministiraa fi ministira dhimma alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makonnin, Jenevaa, Muddee 17, 2019
Faayilii - Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri ol aanaa dhimma baqattootaa Filippoo Garaandii fi itti aanaa muummmee ministiraa fi ministira dhimma alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makonnin, Jenevaa, Muddee 17, 2019

Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri ol aanoon dhimma baqattootaa Filippoo Garaandii dawwannaa isaanii Itiyoopiyaa ilaalchisuun har’a tuuta oduuf ibsa kennuuf jiran. Komiishinerichi ol aanaan kun mooraa baqattootaa bakka baqattoonni eertraa keessa qubatan daawwataniiru.

Minsitrittiin nageenyaa Itiyoopiyaa Mufriyaat Kamiil fi minister Deetaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Reediwaan Huseen illee isaan waliin turan.

Mr. Graandiin itti aanaa muummichia ministeeraa fi ministeera dhimma alaa Demmaqee Mekonnin waliin illee mari’atanii jiran.

Komiishinerichi gara Itiyoopiyaatti imaluu isaanii dura ajjeechaa ukkaamsanii butuu fi baqattoonni Eertraa dirqisiisamanii gara dhufanitti deebisamuu kan jedhu akkasumas dhiittaa mirga namaa yaaddessoo ta’an ilaalchisee yaaddoo qaban ibsanii jiran jechuun Addis Chekol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG