Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoota TPLF Kannen To’annaa Jala Oolan Himannaan Kan Irratti Banamu Ta’uun Ibsame 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Kan to’annaa jala oolan hoogganoota TPLF fi ajajoota waraanaa isaa irratti yeroo dhiyoo himannaan kan irratti banamu ta’uu Itti aanaa abbaa alangaa Itiyoopiyaa Feqaadee Tseggaa VOAf ibsanii jiru.

Hoogganoonni TPLF hanga ammaatti yeroo lama mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta’u, manni murtii ol aanaan federaalaa poolisii dhaaf yeroo qorannaa guyyoota 14 eegamee jira.

Feqaadeen akka jedhanitti poolisiin guyyaa itti dabalaa qorannaaf kan hin gaafanne ta’uu ibsanii himannaaleen sun haleellaa waaltaa ajajaa gama kaabaa irratti Sadaasa 4 bara 2020 raawwatame dabalata jedhan.

Kanneen fixiinsa Maaykaadraa keessaa harka qabu jedhamanii shakkaman 279 keessaa 36 illee to’annaa jala ooluu isaanii fi kanneen hafan akka baqataa fakkaatanii Sudaan keessa dahatanii jan jiran ta’uu ibsaniiru jechuun Meleskaachoo Ammahaa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG