Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan Haalli Tigraay Keessaa Tasgabbaa’e Jetti. Kanneen Ragaa Ba’an Immoo Yaaddessaa Dha Jedhu 


Faayilii - magaala maqalee
Faayilii - magaala maqalee

Mootummaan Itiyoopiyaa naannoon jeeqamaan raafamaa turte Tigraay haala gaariitti deebi’uu isaa hojjettoota bulchiinsa Baayideniif dhuunfaan itti hiuun beekamee jira, garuu kanneen ijaan argan haaraan, lammiiwwan naannoo Tigraay kanneen sodaan guutaman manneen rasaasaan dha’amn keessaa fi naannoleen gandeen baadiyaa bal’aa daafoon lola sanaa maal akka ta’eef hanqinni nyaataa hagamii jiraachuun hin beekamne keessa dahatanii jiraachuu dubbatu jedha Associated Press.

Malli ittiin wal argan addaan citanii jiraachuu fi jiraattonni haala gamasii bilbilaan dubbachuu kan sodaatan yoo tda’u, gaazixeessonni gamas akka hin seenne ugguramee jira. kanneen kumaan laka’amanis akka du’antu tilmaamama.

Itti aanaa muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Demmeqee Mekonnin fi waahiloonni isaanii hojii waaltaa Atlantic Council kan hayyoonni irratti argamaniin qophaa’e irratti argamuun ibsa kennanii jiran. Naannoo Tigraay keessaa uummati miliyoona 1.5tti hedamaniif gargaarsi namoomaa kan dhaqqabe yoo ta’u baqattoota biyya hollaa irraa ta’an haalli isaan itti qabamanii jiran gaarii akka hin ta’in ilaalchisee himannaalee kijibaa fi kaka’umsa siyaasaa qaban ilaalchisees gadduu isaanii sabaa himaan mootummaa gabaasee jira. hojjettoonni bulchiinsa Baayiden illee wal ga’ii sana hirmaachuus ibsee jira.

Baqattooni sun loltoota Eertraa irraa dhufan kanneen humnoota mootummaa waliin humnootii Tigraay irratti duulaniin kan irratti fuuleffatamu yoo ta’u bulchiinsi Baayiden dhiibbaa irra kaa’uu dhaan saamicha, humnaan gudeeddii fi yakkawwan ka biroo tuquu dhaan Eertraan battala gamasi dhiistee akka baatu yaadachiisee jira. Bulchiinsi haaraa muudame kan Tigraay uummati miliyoona 4.5 ykn uummati naannoo sanaa guutummaa ta’u gargaarsa nyaata kan yeroo hatattamaa kan barbaadu ta’uu ibse hangi tokko beelaan du’uu jalqabuun gabaasamee jira.
XS
SM
MD
LG