Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Hoteela Moqaadishoo Irratti Raawwateef Al-Shabaab Itti Gaafatama Fudhate 


Hoteela Afrik haleellaan boombii irratti geggeeffame, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Guraandhala 1, 2021
Hoteela Afrik haleellaan boombii irratti geggeeffame, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Guraandhala 1, 2021

Haleellaa dilbata kaleessaa hoteela Moqaadisho irratti raawwatameen lakkoobsi namoota du’anii 15 ga’uu isaaf yoo xiqqaae kanneen 20 t’an madaa’uu isaanii dubbi himaan poolisii fi angawwoonni eegumsa fayyaa beeksisanii jiru.

Kanneen du’an leellistoota haleellaa raawwatan afur fi namoota 11 ka biroo ta’uu angawoonni naga eegumsaa beeksisaniiru. Haleellaa sanaaf garee al-Shabaabtu itti gaafatama fudhate.

Generaala waraanaa beekamaa fi gadamoojja’anii kan jiran Mohamed Nur Galaal fi namoonni cidha isaanii booda bashannana irra turan illee kanneen du’an keessaa ti.

Kanneen cidha isaanii raawwatan sun biyya alaatii kan dhufan yoo ta’u hoteela sana keessa boqotanii turan. Reeffi isaaniis ganama barii naannoo sa’a sagalii kutaa hoteela sana eessaa argamuu eessummi dubartii ajjeefamtee Faraa Abdirhaman ibsaniiru.

Haleellaan sun hoteela beekamaa Moqadishoo Afriik jedhu irratti kan raawwatame yoo ta’u boombiin konkolaataa irraa erga dho’ee booda hidhattoonni al-Shabaab kanneen Yunifoormii waraana Somaaliyaa uffatan biilsa sana weeraran.

Kanneen haleellaa raawwatan keessaa sadii dhukaasa banameen yoo du’an tokko immoo boombii ofitti dhoosuu isaa kanneen ijaan argan VOA sagantaa Afaan Somaaleef ibsaniiru. Humnoonni naga eegumsaa ennaa haleellaa sanaa namoota hoteela sana keessa turan hanga tokko oolchuun illee beekamee jira. kanneen du’a oolan irraa tokko kan ennaa leellistoonni sun hoteelicha weeraran achi ture odu gabaasaa VOA Abdifaki Yusuf Aden ture.

Haleellaan dilbata kaleessaa kan dhaga’ame filannoon prezidaantii fi kan paarlaamaa boodatti harkifachuu isaaf kanaaf sababaa kan ta’e wal dhibdee siyaasaa hiikuu irratti marii fuuleffate geggeessuuf hoogganni ol aanaan biyyattii fi kan naannoo bakka wal ga’anitti ture. haleellaan kun Yunaayitid Isteetis loltoota ishee 700 kanneen mootummaan al-Shababitti akka duulu gargaaruuf gamasitti bobb’an guutummaan gamasii ka baastu ta’uu beeksistee torbanneen hanga tokko booda.

XS
SM
MD
LG