Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa, Ameerikaa fi Kanneen Biroon Waraanni Maaynamaar Biyyattii Dhuunfachuuun Nu Yaaddesse Jedhu 


Gamtaan Awrooppaa, Briteen, Awustraaliyaa, Hindii fi singaapoor martinuu haala jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.
Gamtaan Awrooppaa, Briteen, Awustraaliyaa, Hindii fi singaapoor martinuu haala jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.

Tokkummaan mootummootaa fi mootummoonni naannoo addunyaa hedduun waraanni Maynamaar biyyattii dhuunfachuu isaa ilaalchisee yaadda’uu isaanii ibsanii hoogganoonni siyaasaa akka hiikaman gaafatanii jiran.

Dubbi himaan muummicha barreessaan tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Gutereez ibsa kennaniin aangoo dhimma haqaa, seera tumtootaa fi hoji raawwachiisuu waraanatti dabarfamuun isaa akkaan yaaddoo uumuu ibsanii jiran. Jijjiiramni kun jijjiirama dimokraasii Maaynamaar keessaaf miidhaa guddaa dha jedhan.

Ministriin dhimma alaa Antonii Bliinken Washingten keessatti ibsa kennaniin Ameerikaan uummata Maaynamaar kan walabummaa, nagaa fi misoomaaf hawwii qaban cina ni dhaabatti jedhanii humnoonni waraanaa tarkaanfii isaanii battala akka garagalchan gaafatanii jiran. Ibsi White House biraa kenname akka jedhutti Yunaayitid Isteetis ba’ii filannoo yeroo dhiyoo geggeessame jijjiiruuf yaalii ta’u kan mormituu fi ce’umsa dimokraasii Maaynamaaritti gufuu kanneen ta’an irratti tarkaanfii kan fudhattu ta’uu beeksisaniiru. Prezidaant Joo Baayiden illee dhimma kana irratti ibsi kan kennameef ta’us ibsichi beeksisee jira.

Gamtaan Awrooppaa, Briteen, Awustraaliyaa, Hindii fi singaapoor martinuu haala jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG