Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahii Talaallii Vaayrasii Koronaa Irratti Fuulleeffate


Biyyonni miseensa jaarmayaa daldala addunyaa walgahii guyyaa lamaaf Jeneevaa keessatti gaggeessan har’a xumuraa jira. Kunis mirga abbummaa talaalii dhukkuba Kooviid -19 isa haaraa irratti kan fulleefate ture.

Biyyoota miseensa jaarmayaa kanaa kan ta’an bakka buutonni biyyoota 164 yaada duraan onkooleessa keessa Afrikaa kibbaa fi Hindiin dhiyaatee kan abbummaaan talaalii argamanii yeroof haa dhabatuu jedhu irratti falmii gaggeessaa turan.

Kanneen yaada dhiyaate seggeran Talaaliicha irraa mirga abbummaa irraa kaasuun biyyonni guddatan oomishanii akka raabsan gochuun duubatti hafuummaa mudatee hambisaa jedhu.

Kaampaanileen dawaa garu kana gochuun gara fuula duraatti waan haaraa argachuuf yaalii ta’u miidhaa kana malees hatattamaan oomishuu danqa jedhan.

Prezidaant Baaydin dhimmi kana irratti murtii irra hin geenye jedhan. Yaada dhiyaate kana biyyonni miseensoonni hundumtuu irratti walii galuu qabu.

XS
SM
MD
LG