Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin Landan Keessaa Guyyaa 3ffaa Itti Fufee Jira 


Ministeeronni haajaa alaa kan biyyoota addunyaa irratti dureeyyii jedhaman torbaa, waa’ee dhiimmotii addunyaa ta’an kan akka talaalii KOOVIID-19 ittisuu, jijjrama qilleensaa fi shamarraniif carraa barnootaa kan jedhan dabalatee har’as dubbachuun marii guyyaa sadiif Landan keessatti gaggeessan xumuura irratti mari’atan.

Dhaabbata KOOVAAks maallaqaan gargaaruun biyyoota dhukkuba kanaaf saaxilamaniif talaalii dhaqqabsisuuf kan gargaare qaba jedhan,

Talaalii biyya ofii keessatti irraa hafaa ta’an kan ilaaleen biyyonni dureeyyiin michoota paasifiik waliin dubbachuun kun carraa gaarii akka ta’e ministeerri haajaa alaa Briteen Domaniik Raab kibxata kaleessaa Ibsanii turan.

Briteen walgahii ministeeroota hajaa alaa kana keessumeessaa kan jirtu yoo ta’u ministeerri haajaa alaa Yunaaaytid Isteets Antonii Bliinken mummicha ministeeraa Briteen Boriis Jaanson waliin addunyaan attamitti talaalii dhukkuba Kooviid 19 ittisu argachuu akka dand’aan irratti dubbatan.

Lameenuu weerara Koroonaa dhaabuuf talaaliin addunyaa mara dhaqqabuun dhimmi ijoo ta’u walii galan.Gurmuun G-7 jedhaman kana irratti akka hojjatan, akkasumas talaaliicha oomishuunis akka dabaluu gochuu yaaluu kan jedhus dubbatanii jiran.

Wlgahiin Kibxata kaleessaa gaggeessan Chaayinaa irratti kan fulleefate ture.

XS
SM
MD
LG