Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi Himaan Muummicha Barreessaa Tigraayiin Ilaalchisee Ibsa Kennan 


Dubbi himaan muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Stéphane Dujarric tuuta oduuf kennanii jiran.

Ibsa isaanii kanaan Itiyoopiyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin hojjettoonni gargaarsaa kan ofii keenyaa naannolee baadiyaa keessatti kan geggeessamu sochii bal’aa kan gufachiisu haalli nageenyaa Tigraay keessaa laaffataa fi amansiisaa akka hin ta’in nuuf himaniiru jedhan Dujarric.

Waaltaa namoonni yeroof keessa tursiisan kan Meqelee dhiphoo ta’e keessatti COVID-19 argamuun gabaasamee jira. weerarri guddaan yoo ka’e bakki ga’aan hin jiru jedhan.

Oxygyn dabalatee dawaalee fi meeshaaleen wal’aansa fayyaa akkasumas boba’aa tajaajila ambulaansiif barbaachisan Shiree keessaa rakkoo eegumsa fayyaa uumaniiru jedhan.

RakkooLeen kun jiratan iyyuu michoonni gargaarsa namoomaa Tigraay keessaa kanneen gargaarsa barbaadan mara dhaqqabuuf yaalaa jiran. Hamma Ebla 29tti mootummaa fi sagantaan nyaata addunyaa WFPn midhaan metric toni 19,000 uummata aanaalee 35 keessa kan jiru uummata miliyoona 1.1 raabsamee jira. Torban darbe naannoo Tigraay kibbaa gama bahaa godinaa Samiree fi magaalaa Gijet-tti gareen gargaarsa namoomaa ergamuu dhaan, midhaan nyaataa gargaarsa, nyaata madaalamaa fi meeshaalee kan nyaataa hin taane raabsee jira. kilinikiin eegumsa fayyaa kan yeroo Hospitaala Samiree kan hojii dhaabe keessatti hundeessamee jira.

Hospitaalonni lama kan Addirgraatii fi Axum keessaa lama haleellaalee saala irratti hundaa’e irraa kan hafaniif tajaajila qoor qalbii kennaa jiran. Itti dabaluu dhaanis michoota keenya waliin ta’uu dhaan dhaa naannoo baadiyyaa keessa kanneen jiran hospitaalota 8f keellaalee eegumsa fayyaa sadiif meeshaa wal’aansa eegumsa hormaataaf 19 raabsanii jiran jedhan.

Hojjettoonni itti dabalaa fi deggersi maallaqaa akkasumas daandiin amansiisaa ta’e naannoo sana keessatti sadarkaa barbaachisuun dhaqqabuuf haalli amansiisaan akka jiraatu waahiloonni keenya akeekkachiisaniiru jedhan dubbi himaan muummicha barreessaa tokkoummaa mootummootaa Stephen Dujaric.

XS
SM
MD
LG