Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Hayyu-duree ABO Irratti Tarkaanfiin Poolisiin Fudhatame Gochaa Seeraa-alaa ti, Jedha Dhaabichi 


Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa
Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa

Caamsaa 3 bara 2021, jechuun, Wixata dabre kana halkan manni jireenyaa hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo, kan Obbo Daawud Ibsaa, humnoota poolisiitin weeraramee eegdonni Obbo Daawud mootummaan ramadee fi namoonni mana keessaa isa gargaaran reebamuu fi hidhamuu, akkasumas, dokumentiilee fi bilbilaa fi kompiyuutara dabalee meeshaaleen elektroonikisii fudhatamuu dubbatan, gorsaan gameessi Hayyu Duree ABO, Dr.

Shuggux Galataa. Kun gochaa seeraa alaa akka tahellee dubbatu. Aangawoota Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee fi ka Koomishinii Poolisii Federaalaa irraa himannaa kanaaf deebii argachuuf deddeebisnee bilbilleyyuu garii bilbilli isaanii hin ka’u, kaan ammoo yeroo beellama kennanitti hin argamne. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Mana Hayyu-duree ABO Irratti Tarkaanfiin Poolisiin Fudhatame Gochaa Seeraa-alaa ti, Jedha Dhaabichi
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:55 0:00


XS
SM
MD
LG