Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalcha Komiishinera Poolisii Naannoo Amaaraa Har’a Raawwate


 Komiishinera Poolisii Naannoo Amaaraa duraanii, Obbo Abberee Addaamuu
Komiishinera Poolisii Naannoo Amaaraa duraanii, Obbo Abberee Addaamuu

Obbo Abberee Addaamuu dhibee akka tasaa isaan mudateen Ebla 26 bara 2013 du’uun isaanii gabaasameera

Komiishiner Abbereen yuniversitii poolisii Itiyoopiyaa, Ameerikaa fi Swidiin irraa barnoota isanii kan hordofan yoo ta’u, yuniversitii Siwideen Lundis irraa seeraa fi qorannaa saayinsii hawaasaan digirii isaanii lammataa qabxii ol aanaa kan argatan yoo ta’u, barreeffama eebbaa fi qorannaa isaanii yniversitichaan maxxanfamee ba’uun ibsamee jira. Biyya Swidinitti kan argamu Yuniversitii Maalmoo jedhamu irraas barnoota hariiroo hawaasaa fi baqataa addunyaa jedhuun degeree lammataatiin qabxii ol aanaan eebbifamuun isaaniis dubbatameera.

Hundeessaa Arbeenyoochi Ginbaar fi hoogganaa waraana isaa akkasumas Ginbot 7 keessattis hundeessaa dhaa qabee hanga hooggana ol aanaatti tajaajiluun isaanii beekameera. Jijjiiramichatti makamanii mootummaa naannoo Amaaraa keessatti seenaa duraa kan ta’e komiishinera jalqabaa saayinsii poolisiin eebbifaman kan duraa yoo ta’an Guraandhala bara 2011 hanga Ebla bara 2013tti tajaajilaniiru. Komiishiner Abbereen abbaa maatii fi abbaa ijoollee dhiiraa lamaa turan.

XS
SM
MD
LG