Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Naannoo Tigraay Gargaaruuf  Doolaara Miliyoona 65 Gumaache 


Faayilii - Ijoollee mooraa baqattootaa Qadarifi keessa jiran, Sudan, Sadaasa 16, 2020
Faayilii - Ijoollee mooraa baqattootaa Qadarifi keessa jiran, Sudan, Sadaasa 16, 2020

Tokkummaan mootummootaa rakkoo namoomaa Itiyooopiyaa keessaaf gargaarsa doolaara miliyoona 65 kan gumaache yoo ta’u, kana keessaa miliyoonni 40 hojii gargaarsaa naannoo Tigraay keessaaf oola.

Lubbuun namaa fi beeladaaleen sababaa hongeen dhumaniiru, ijoolleen hanqina nyaat madaalamaan dararamaa jiru jechuu dhaan hoogganaan dhimmootii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Maark Lowcock ibsa har’a ennaa gargaarsa maallaqaa kana labsan beeksisaniiru.

Walitti bu’iinsa baatilee ja’a qabateen siiviiloota irra dhiibbaan ka’u itti fufee jira jedhan. Dubartoonnii fi durboonni hookkara quunnamtii saalaa suukaneessaaf saaxilamanii kanneen miliyoonaan laka’aman immoo tajaajila barbaachisu dhabuu keessumaa kanneen naannoo baadiyyaa jiran immoo qaruma hin argatan jedhan.

Kanneen Tigraay keessaa uummata miliyoona 4.5 dabalatee guutummaa Itiyoopiyaa keessaa uummanni miliyoonni 16 ol gargaarsa eeggataa jiran.

XS
SM
MD
LG