Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan ABUT fi “Shanee” Shororkeessummaatti Farrajuun Uummata Nagaarraa Haleellaa Ittisuufi: Abbaan Alangaa Waliigalaa


Addi Bilisummaa Uummata Tigraay yokaan HIWEHAT fi “Shanee”n Mana-maree bakka-bu’ootaatiin shororkeessummaatti farrajamuun isaanii, namoota nagaa haleellaa irraa ittisuu fi deggertoota dhaabota kanaa to’achuudhaaf gargaara, jechuun Abbaan alangaa Walii-galaa ka Federaalaa ibsee jira.

Itti-aanaa Abbaa-alangaan Waliigalaa, Obbo Fiqaaduu Tseggaa, “dhaabbatoonni lameen waggoota sadeen dabraniif, gochaalee shororkeessummaa adda addaatti bobba’anii turan,” jedhan. Seerri shororkeessummaa sun, qaamota dhaabbatoota sana waliin hidhata qabanii fi deggersa godhan dabalee itti gaafatamoo akka taasisullee dubbatan.

Gama biraan paartileen mormitootaa 3 Tigiraay keessa socho’aa Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay TPLF shororkeessaadha jedhamuu mormaniiru. Paartiin SaalsaYi Weyaanee, BaYitoonaa fi Wuddib Tsinaat jedhaman ibsa baasaniin akka himanitti, seerichi uummataa fi beektotaa Tigiraay ajjeesuuf yaadamee, golgaa godhachuuf ka kaasame, jedhan.

XS
SM
MD
LG