Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Qilleensa Naannoo Mudate Mirga Namaa Addunyaa Irraa Balaaf Saaxile: Tokkummaa Mootummootaa


Manni maree dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa wal ga’ii isaa waggaa Jenevaa keessatti jalqabee jira. Ennaa baniinsa wal ga’ichaa haasaa kan dhageesisan komiishineritti ol aantuun dhimmootii mirga namaa Michele Bachelet jijjiiramni qilleensaa fi faalamni qilleensaa yaaddoo mirga namaa fi ka namoomaa fi yaaddoo kan uumu ta’uu akeekkachiisaniiru jetti Liisaa Shilaayin gabaasa Jenevaa irraa ergiteen.

Rakkoon Qilleensa Naannoo Mudate Mirga Namaa Addunyaa Irraa Balaaf Saaxile: Tokkummaa Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:03 0:00

Hooggantuun dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa Michele Bachelet, ennaa balaan dachii kana mudatee jirutti, sochii namootaa ugguruu , mirga nyaata, bishaan, barumsa, eegumsa fayyaa fi lubbuun jiraachuu iyyuu dabalatee mirgawwan hedduu akkaan dhiibbaa irra kaa’ee jira jedhan

Bachelet akka jedhanitti baatilee dhiyoo as namoota naannolee adda addaa keessa jiraatan irraan haalli qilleensaa hamaan uummata irraan miidhaa geessisee jira.

“ Saayibeeriyaa fi Kaalifoorniyaa keessaa ibiddi dhiyeenya, Chaayinaa, Jarmanii, Turkii keessaa balaa lolaa guddaan akka tasaa dhaqqabe, ho’i kutaa dachii gama kaabaa mudate kan argamee hin beekinii qabee hanga gaasii methane qilleensa faaluu isaa, Morokoo qabee hanga sengaal, hanga saayibeeriyaatti hongeen walitti aansuunmudate uummata miliyoonaan laka’amu dararaa, beelaa fi qe’ee ofii dhiisanii akka godaanan dirqisiise.

XS
SM
MD
LG