Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Guyyaa Dimokraasii Addunyaa Ilaalchisuun Ibsa Kenne


Muummicha Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres (suuraa faayilii)
Muummicha Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres (suuraa faayilii)

Kan argamee hin beekne rakkoon COVID-19, addunyaa irratti danqaawwan hawaasummaa, siyaasaa fi seeraa gurguddaa dhaqqabsiisee jira.

Biyyoonni naannoo addunyaa rakkoo kana furuuf tarkaanfii hatattamaa ennaa fudhatanitti, ol aangummaa seeraa fi ulaagaalee sadarkaa addunyaa kabajuu fi qajeelfama bu’uuraa fi seeraa akkasumas haqi akka jieruud mirga jiru eegsisuun murteessaa dha.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres, mootummoonni deebii COVID-19f kennan keessatti ifaa, deebii kan kennaniif itti gaafatamummaa akka qabaatan gaafataniiru. Tarkaanfiin yeroo hatattamaa fudhatamu kam iyyuu, kan sirnaa, wal gitu, barbaachisaa fi loogii kan hin qabaanne ta’uu mirkaneessuun barbaachisaa dha jedhan. Deebii gaariin, ennaa mirgi namaaf ol aantummaan seeraa eegsisamuuf tarkaanfiin fudhatamu, balaa uumamuu maluuf deebii madaalawaa kennuu dha jedhan.

Muummichi barreessaan ibsi isaanii imaammataa gabaabaa ta’e akka ibsutti biyyoonni mirgawwan isaan kabajuu qaban keessaa walabummaan yaada ofii ibsuu, mirga preasii, mirga odeeffannoo walabaa dabarsuu, mirga wal ga’uu fi walitti qabamuu ti jedha.

Tokkummaan Mootummootaa Guyyaa Dimokraasii Addunyaa Ilaalchisuun Ibsa Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:06 0:00


XS
SM
MD
LG