Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetonnii Itiyoophiyaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaatti Wal dorgommiin fiigichaa taasisanii jiru


Atileetonnii Itiyoophiyaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaatti Wal dorgommiin fiigichaa taasisanii jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:36 0:00

Atileetonnii Itiyoophiyaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaatti Wal dorgommiin fiigichaa taasisanii jiru

Fiigichii maaratoonii riilee Itiyoophiyaa marsaa 17ffaa naannoo bulchiisaa Somalii magaalaa Jijjigaa keessatti taasifame dilbata kaleessaa xumuramee jira.

Akka gabaasinii Feedereshiinii Atileetiksii Itiyoophiyaa jedhetti waldorgommii kana irratti kan hirmaatan gareewwan ykn kilaboota 11 fi naannolee 3 keessaa kan walti qabaman Atileetoota 84.

Dumma irratti gareen baankii daladalaa Itiyoophiyaa 1ffaa Yemuu bahu, gareen Elekitiriikii Ityoopiyaa 2ffaa, gareen Poolisii Oromiyaa 3ffaa bahuu isaanii gabaasinii federeshiinii Atileetiksii Itiyoophiyaa ibseera.

Karaa biraatiin Ministirri aadaa fi Spoortii Feedereshiinii Atiliitikisii Itiyoophiyaa walin ta’udhaan wal dorgommii Atileetiksii dubartootaa Ityoophiyaa sadarkaa biyyaalessa marsaa 4ffaa torban darbee keessaa taasisee jira.

Stadiyoomii Hawaasaatti dorgomii guyootaaniif taasisamee kanaan warqee 7, Birrii 4 fi Nahaasaa 5, waliigalatti meedaaliyaa 16 arggachuudhaan gareen Atileetiksii dubartootaa Naannoo Oromiyaa 1ffaa baheera. Naannoon kibbaa 2ffaa, naannoo Sidaamaa 3ffaa finifinneen 4ffaa bahaniiru.

Dorgomii kana irratti naannooleen kaabaa Itiyoophiyaa Tigraay, Amaarri, Affaar, akkasumas Beenshaangul Gumuz hin hirmaanne.

Dilbata kaleesaa Ebila 17 biyyaa Kooriyaa kibbaa Magaalaa See’ul keessatti wal dorgommii maaratoonii dhiiraaf durbaan taasisameen Atileetonni Itiyoopiyaa itti milkaawaniiru.

Wal dorgommii dhiirotaatin sa’aatii 2:04: 43n 1ffaa bahuudhaan kam moo’ee lammii Itiyoophiyaa Mooseneet Garramewu Yemuu ta’u, Sa’aatiin Inni itti xumure bakka sanaaf rekoordii haaraa akka ta’e gabaasameeraa.

Sa’aatii 2:04:12 Moosenetitti anee kan 2ffaa bahes Atileetii Itiyoopiyaa Hirphaasaa Nagaasaati. Atileetiin Lammii biyyaa Biraaziil 3ffaa, Atileetonnii lammii keeniyaa immoo 4ffaa fi 5ffaa bahaniiru.

Wal dorgommii dubartootaatiin lammiin keeniyaa Jo’aan Chiliimoo Meelii Sa’aatii 2:18:04 rekoordii bakka sana cabsuudhaan mooteetti. Atileetiin lammii Itiyoophiyaa Suutumee Asaffaa Kabbadaa sa’aatii 2:18:12 xumuruudhaan 2ffaa baateetti. Waggaa torbaan duraa maaraatonii See’ul kana kan mootee turte lammiin Itiyoophiyaa Guutanii Shoonee 5ffaa bahuudhaan Xumurtee jirti.

Gama birootiin gaafa sambataa biyyaa kaazaakistaan Magaalaa Dushaambee keessatti wal dorgomiin fiigicha walakkaa maaraatoonii taasifameen dubartootaan Atleet Baqaluu Abebee 1ffaa yemuu baatu dhiraan Girmaa xilahun 2ffaa bahee jira.

Maaraatonii Gudichaa guyyaa ha’raa Ebila 18/2022 as yunaayitid isteets keessatti taasisaame durattii sambata dheengadaa magaala Booston keessaatti wal dorgomiin fiigichaa daandii irratti taasisamee ture. Akkuma kanaan dubartootaan lammiin Itiyoophiyaa Sambaree Tafarii fiigichaa kiiloo meetirii 5n rekoordii bakka sanaa fooyessuudhaan daqiiqaa 14 sekoondii 49 xumuruudhaan 1ffaa baatee mooteetti.

Ergaa jalqabamee waggaa 126 kan ta’ee fiigichii Maaratoonii Magaalaa Booston as yunaayitid Isteets keessatti guyyaa har’aa Ebila 18/2022 taasifamee jira.

Fiigicha kana irratti namoonni kuma 28 ol kan hirmaatan yemuu ta’u , wal dorgommii Atileetotaa beekamoo ykn profeshinaalota giduutti taasifameen dhiiraan lammiin keeniyaa Ivaan Chibeet sa’aatii 2:06:51 1ffaa baheeraa. Itiyoophiyaa bakka bu’uudhaan,Leellisaa Deesisaa, Birhaanuu Leggese,Lammi Birhaanuu, Sisaay Lamma akka hermaatan gabaasameera. Abaabel Yeshaaneh fi Degitu Azimeraw hirmaataniiru.

Wal dorgommii Maaratoonii Booston kana Sa’aatii 2:21:02n xumuuruudhaan 1ffaa kan baatee lammii keeniyaa Prees jepchiirchiri. Atileetiin Itiyoophiyaa Abaabeel Yeshaanee Sekoondii 4n dursamtee 2ffaa baateetti.

Maaratoonii Booston warreen 1ffaa bahuun moo’an badhaasa Doolarii 150,000 kan argatan Yemuu ta’u 2ffaan kuma 75 3ffaa kuma 40 argatuu. Atileetonni rekoordii bakkichaa fooyyesan imoo itti dabalataa Doolaraa kuma 50 badhaasamu.

Fiigichaa baranaatiif badhaasa Doolaara 879,500 kan qopheessee Maratooniin Booston, Waggootan 35 darban keessatti Doolaaraa Miiliyoonii 20 warreen moo’aniif badhaasuu isaa waldaan atileetiksii Booston beeksisera.

XS
SM
MD
LG