Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABOn Ajjeechaa Gullisoo Keessatti Raaw’atame  Balaaleffachuun Akka Qaama Walabaan Qoratamu Gaafate 


Hoggantoota ABO (Suuraa faayilii)
Hoggantoota ABO (Suuraa faayilii)

Kan Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa Oromiyaa Lixaa, aanaa Gullisoo keessatti lammiwwan nagaa irratti raaw’atame balaaleffachuudhaan, gochaan kun qaama walabaan akka qoratamee qulqulleeffamu waamicha dhiheessaa jira. Namoota haleellaa kanaan miidhamaniifis gadda itti dhaga’ame ibsee jira.

Kan Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganaman – miseensonni koree hoji raaw’achiistuu ABOs ajjeechaa Gullisoo keessatti raaw’atame kana balaaleffatanii jiran.

ABO, akka ajjeechaan kun qaama walabaan qulqulleeffamu waamicha dhiheesse irratti, hoogganoota hojii mootummaa naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin goone hin milkoofne.

Gabaasaa guutuu caqasaa

ABOn Ajjeechaa Gullisoo Keessatti Raaw’atame  Balaaleffachuun Akka Qaama Walabaan Qoratamu Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:15 0:00


XS
SM
MD
LG