Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Itiyoophiyaa Keessaa Kan Ilaaleen Prezidaant Baayidin Ajaja Hoggana Olaanaaa Mallatteessan


Prezidaantii Yunaatid Isteets, Joo Baayiden (Suuraa faayilii)
Prezidaantii Yunaatid Isteets, Joo Baayiden (Suuraa faayilii)

Itiyoophiyaa keessatti walitti bu'iinsii akka dheeratuuf sababaa kanneen ta'anii fi wal taatoota isaaanii itti-gaafatamtoota gochuuf ugguura haaraa kaa'uuf ajaja dandeesisuu ittiin jedhan prezidaant Baaydin har'a mallateessanii Jiru.

Ajaji kunis mootummaa Itiyoophiyaa, mootummaa Eertraa, Adda Bilisummaa Uummata Tigraay fi mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa itti gaafatamtoota gochuun qabuuf akka danda'uuf ministeera maallaqaa kan Amerikaaf ajaji kun aboo kennee jira.

Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahimad Baayidiniif Xalayyaa Barresanii jiru

Mummicha MinisteeraaI Itoophiyaa, Abiyyi Ahimad (suuraa faayilii)
Mummicha MinisteeraaI Itoophiyaa, Abiyyi Ahimad (suuraa faayilii)


Gama kaaniin, ajajii Baaydin mallaatteessan ifa eega ta'ee booda mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad xalayaa fuula sadii qabu Baaydiniif erganiin bulchiinsi Amerikaa wal duraa dubaan dhufan Itiyoophiyaa irratti ilaalcha sirrii hin taane qabu jechuun komee dhiyeessan.

Itiyoophiyaan nageenya uummattoota miliyoona hedduu caalaa aangoo dhunfachuu kanneen filatan akkasumas namoota muufataniif dhiibbaa qindomiinaan gaggeeffamuuf hin jilbeenfattu jedhan Dr.Abiyyi Ahmad.

Mootummaa Eertraa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay biraa deebbii kennamuuf jiru hordofnee kan dhiyeessinu ta'uubeeksiifna.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Ajaja Pirezdaant Baayiden fi Xalayaa Muummee Ministiraa Abiyyi
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:34 0:00


XS
SM
MD
LG