Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoota Eertraa Kanneen Tigraya Keessaa Irratti Haleellaan Raawwatamuu Human Rights Watch Gabaase


Faayilii - Mooraa Baqattoonni Eertiraa Mayi Ayinii jedhamuu Tigraay keessa jiru, Amajjii 30, 2021
Faayilii - Mooraa Baqattoonni Eertiraa Mayi Ayinii jedhamuu Tigraay keessa jiru, Amajjii 30, 2021

Loltoonni Eertraa fi milishoonni Tigraay, baqattoota lammiiwwan Eertraa kanneen Tigraay kaabaa keessa jiran humnaan gudeedan, ni hidhan ni ajjeesan jechuu dhaan dhaabi mirga namaa kan sadarkaa addunyaa kamisa har’aa beeksisee jira.

Gabaasi Humaan Rights Watch haleellaa mooraalee baqataa Tigraay lama keessatti raawwatame bal’inaan kan ibse yoo ta’u walitti bu’iinsa gaanfa Afriikaa raaseen, humnoonni naannoo sanaa mootummaa Itiyoopiyaa fi michuu isaa kan Eertraa waliin erga baatii Sadaasaa qabee wal waraananiiru.

Baqattoonni Eertraa miliyoona 5tti hedaman naannoo gaarreen Tigraay hiyyeeyyii ta’e keessa jiraatu. Warreen Tigraay loltoota Eertraa kanneen isaan weeraran waliin sanyii tokko jechuun amantaa irraa hin qaban. Warreen Eertraa immoo baqattoonni kun biyya isaanii dhiisanii waan deemaniif ija shakkiin isaan ilaalu. Ajjeechaan gara jabinaa, humnaan gudeeddii fi saamichi Tigraay keessatti raawwatame yakka waraanaa ifa ta’ee dha jechuu dhaan, gaanfa Afriikaatti daayirikterri Human Rights Watch Laetitia Bader beeksisaniiru.

Ministeerri odeeffannoo Eertraa odeeffannoo kanaaf deebii akka kennu gaafatamee deebii hin kenning jira, garuu Eertraan kana dura fixiinsa raawwatame jedhame haaluu dhaan humnoonni ishee siiviloota irratti akka hin fuuleffatin ibsitee turte.

Dubbi himaan TPLF Geetaacoo Redaa akka jedhanitti humnoonni Tigraay naanolee milishoota naannoon dararaan keessatti raawwatame jedhametti kan sosso’an yeroo dhiyoo dha, qorattoonni sadarkaa addunyaa naannoo sana Daawwachuu danda’u jedhan.

Walitti bu’iinsa Tigraya dura Itiyoophiyaan baqattoota lammiiwwan Eertraa 150,000 keessummeessaa turte. Hedduun isaanii naannoo Tigraay kaabaa kan Eertraa waliin wal daangessu mooraalee afur keessa kan jiraatan yoo ta’u, Hitsats fi Shimelbaa keessa baqattoota kummi 20,000 kan jiran yoo ta’u, kanneen kuma 31,000 ta’an immoo Mai Aini fi Adi Harush keessa jiraataa turan. Sasaasa bara 2020 angawoonni Itiyoophiyaa mooraa Hitsats kan cufan ta’uu labsan. Guraandhala bara 2021 erga lolli humnoota Eertraa fi TPLF gidduutti jalqabameen booda mooraaleen Hitsatsii fi Shimelbaa cufamuun gabaasame. Baatii shan booda UNHCR fi jaarmoliin gargaarsa namoomaa kanneen biroon sababaa nageenyaa fi uggura mootummaan federaalaa ka’e irraan kan ka’e mooraalee kana seenuu kan hin dandeenye ta’uu ibsan. UNHCR xumura baatii Sadaasaa ennaa mooraalee sana daawwatu manca’uu isaaf baqattoonni keessa kan hin jiraanne ta’uu beeksise.

XS
SM
MD
LG