Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameericaan Guyyaa Hojii 100 Kan Muummicha Ministeeraa Abiy Faarsite


Ithiopiaatti ambaasaadderri Ameerikaa Maaykil Reener akka jedhanitti muummichi ministeerichaa haasaa ajaa’ibaa, ifa galaa, cimaa fi kallattii dhageessianiiru, tarkaanfiiwwan barbaachisoos fudhataniiru.

US guyyoota 100 hojii muummicha ministeeraa Abiy xiinxaltee jirti. Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Bitootessa 24 bara 2010 hirbuu seenanii Itiyoophiyaa hoogganuuf itti gaafatama kan fudhatan muummichi minsteeraa Dr. Abiy Ahimed itti gaafatama kana irratti guyyoota 100 kan guutan torban darbe ture.

Itiyoophiyaatti ambaasaadderri Ameerikaa Mike Reeneris guyyoota hanga tokko booda iyyuu haa ta’u gamaaggama kan biyya ofii dhiyeessaniiru.

US fi Ameerikaan waltajjii isaan dhimma dimokraasii fi mirga namaa irratti mari’atan har’a ministeera dhimma alaa keessatti qophaa’eera.

Ambaasaaddor Mike Reener guyyoota hojii muummicha ministeraa Abiy kan guyyoota 100 ilaalchisee kan dubbate illee wayituma kana ture.

Muummichi ministeerichaa hojii isaan guyyoota kana keessatti hojjetan ol aanaa ta’uu illee ibsan.

Reener akka jedhanitti muummichi ministeerichaa guyyoota jalqabaa 100 keessatti haasaawwan ajaa’ibaa, ifaa fi kallattiin ta’e dhageessisaniiru, mootummaa Itiyoophiyaattis mirga namaa akka kabaju waltajjii siyaasaa hunda hirmaachisu qajeelfama dandeessisu illee dabarsaniiru.

Isaanii fi waahiloonni isaanii gara waltajjii marii kanatti kan dhufan jijjiirama argame kana yoom iyyuu caalaa ajaa’iffatanii ta’uu ambaasaadder Reener ibsaniiru.

Tarkaanfiiwwan hanga yoonaa fudhataman illee kan ajaa’ibaa fi faarsamuu qabu jedhan. haa ta’u malee kanneen kun tarkaanfiwwan gara fuula duraatti fudhatamu hedduu keessaa kan jalqabaa ta’uu Dr. Abiy ofii isaanii dubbachuu isaanii ambaasaadderichi yaadachiisaniiru. Ambaasaadderichi akka jedhanitti tarkaanfiiwwan kana hojiitti hiikuun immoo dhimma isa ijoo ka biroo dha.

Adeemsi kun milkaa’uu kan danda’u Yoo Itiyoophiyaa irraa dhufee fi lammiiwwan Itiyoophiyaa qofaan yoo hoogganame qofaa ta’uu qormaannis jiraachuu akka malu itti dabaluun ambaasaaddrichi ibsaniiruDeggersi biyyoota michoota ta’anii barbaachisaa kan inni ta’u gama kanaan ta’uu illee tuqaniiru. Gama kanaan immoo US deggersa kennuuf qophee ta’uu ishee mirkaneessaniiru.

Galmawwan baatilee hedduu darban dhageenye akka milkaa’u, waan hojjetan deggeruuf murannoo cimaa US qabdu isiniif ibsuun fedha jedhan.

Itiyoophiyaan guddisa ariifachiisaa fi fooya’ina keessa jiraachuu ishee illee jalqaba haasaa isaanii irratti dubbataniiru ambaasaadderichi. Fooyya’iina kanaaf immoo bulchiinsa siyaasaa fi gama mirga namaan waan jiru ni dabalata jedhan.

Mirga namaa fi dimokraasii irratti kan fuuleffate mariin US fi Itiyoophiyaa kana dura kan geggeessame Muddee bara 2016 ture.

Marii har’a geggeessame irratti ambaasaaddor Reeneritti dabalee Washington irraa kan dhufan waajjira ministeera dhimma alaatti itti aanaa ministrii waajjira dhimma dimookraasii fi mirga namaa Scott Buusbii fi waahiloonni isaanii hojii argamaniiru. Gama Itiyoophiyaan immoo minister Deetaa ministrii dhimma alaa Prof. Afework Kaasuu fi itti gaafatamtoonni hojii kanneen biroo hirmaataniiru.

Ameericaan Guyyaa Hojii 100 Kan Muummicha Ministeeraa Abiy Faarsite
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:25 0:00

XS
SM
MD
LG