Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Naannoo Somaalee Irraa Buqqa’an Bishooftuu Keessatti Rakkoo Keessa Jirra Jedhu


Lammiiwwan naannoo Somaalee irraa buqqa’anii magalaa Bishooftuu keessa jiraatan rakkoolee adda addaaf saaxilamne jechuun himataa jiran. Kanaanis komee isaanii iyyachuuf gara bulchiisa ennaa dhaqnutti namoonni keenya nu duraa hidhaman jechuun himataniiru. Bulchiinsi magaalattii immoo hidhamuu namoota kanaa hin mirkaneeffanne jedha.

Gama biraatiin godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti humnoonni mootummaa namoota nagaa hiraarsaa jiraachuu jiraattonni magaalattii himataa jirn.

Alaabaa adda bilisummaa Oromoo fanniftan gad buusaa jechuu dhaan namoota daandii irra deeman dararu kan jedhan jiraattonni kun gad ba’anii ol galuun rakkisaa ta’aa dhufee jedhu.

Waardiyyaa mana baankii Awaas badii tokko malee rasaasaan dha’anii yeroo ammaa wal’aansaaf gara hospitaala Aayitaatti geessamuu isaa jiraattonni kun dubbataniiru.

Kanneen Naannoo Somaalee Irraa Buqqa’an Bishooftuu Keessatti Rakkoo Keessa Jirra Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:35 0:00

XS
SM
MD
LG