Xurree ittiin seenan

Breaking News

Geerarsi Haacaaluu Ka Dhiyeenyaa Sabaa himaa Uummataa Irratti Dhiyaachuu Hin Qabu Ture: Angawaa


Haala qabatamaa Itiyoophiyaa keessaa fi akkaataa itti sabaa himaan gabaasaa turan kan xiinxalee Konfraansiin tokko dhiyeenya kana Finfinnee keessatti gaggeeffamee jira.

Abbaa taaytaa Broodkaastii Itiyoophiyaaf Daayreekteera ka ta’an Obbo Zar’aay Asgeedom sabaa himaa biyyatti keessaa hanga tokkoon waan ta’u hin mallee gabaastan, kaaniin gonkumaa gabaasuu dhiiftanii calliftan kanneen biroon immoo hanga gabaafamuu qabu hin gabaafne jechuun qeeqan.

Sabaa himaa qeeqnii irratti dhiyaate keessaa tokko OBN ture. Kunis waa’ee walitti daangaa Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee, waa’ee walitti bu’iinsa Bunnoo Baddallee akkasumas walleen Haacaaluu Hundeessaa kallattiin galama Milliniyamii keessaa uummataaf darbuu hin qabu ka jedhu irratti fulleeffate.

Gama kaaniin qeeqnii kun kan irratti dhiyaataa ture oduu gabaastoonni OBN gara walgahii kanaatti hin afeeramne.Booda garuu gaaffii dhiyaateen waamamanii akka seenan ta'e.

Qeeqii dhiyaataa ture Ija Heeraa fi Seera biyyattiin attamiin ilaalama?Maraafu gabaasaa guutuu caqasaa.

Geerarsi Haacaaluu Ka Dhiyeenyaa Sabaa himaa Uummataa Irratti Dhiyaachuu Hin Qabu Ture: Angawaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:48 0:00

XS
SM
MD
LG