Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liyyuu Polis Namoota 4 Baabbilee Keessatti Ajjeesan.Tokko Dura Taa’aa Araddaa ti


Godinaa Harargee Bahaa aanaa Baabbillee Araddaa Al-sharif keessatti humnoonni Liyyuu Poolis ka bulchiisa naannoo Somaalee dura-taa’aa gandaa dabalee lubbuu namoota afurii galaafachuu isaanii jiraattonni araddichaa ibsanii jiru.

Jiraattonni maqaan isaanii himamu hin feene akka jedhanti bulchaa araddaa Lakoolee Obbo Mummed Abdii Jibril kokolaataa Bajaajiin gara baabileetti imalaa ituu jiranii liyyuu polis waan karaatti isaan dhaabsiseef keessaa bu’anii figanaan milla isaanii rasaasaan waan dhahamniif kufan.

Sana booda Obbo Mummad lafa kufanii jiran irraa dhukaasanii hidhattoota Somaalee keessaa tokko waan ajjesaniif jecha jarreen bira ga’anii yeroo lammataaf haleeluun ajjesan jedhu jiraattonni.Namoonni oyruu ofii keessa turan fi birmatan keessaas 3 ajjefamuu ka biraan tokko madaa’uun ibsamee jira.

Naannoo sanatti hidhattoota Liyyu polistti uffata sivilii uffesuun uummata keessa seensisanii ooyruu fi manneen gubuun itti fufee jira jedhu jiraattonni .

Araddaa ajjechaan kun keessatti rawwatame Al-Shariifiif dura ta’aa ka ta’an Obbo Mohammed Umar ajjechaan kun gaggeeffamuu mirkaneessanii jiru. Liyyuu polis lafa fudhachuuf kana godha. Nuti immoo lafa keenya hin laannuu jechuun waan qabnuun falmaa jirra. Kun waan haaraa miti jedhan.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Caqasaa

Liyyuu Polis Namoota Shan Baabbilee Keessatti Ajjeesan.Tokko Dura Taa’aa Araddaa ti
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:43 0:00

XS
SM
MD
LG