Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Jireenyi baqataa kun gaa akka nama hin goone qabu’ Ibsaa Bakaree, Baqataa Oromoo Naayiroobbiitti Mootoraan geejjiba kennee jiraatu. #Oromo #Ethiopia #kenya


‘Jireenyi baqataa kun gaa akka nama hin goone qabu’ Ibsaa Bakaree, Baqataa Oromoo Naayiroobbiitti Mootoraan geejjiba kennee jiraatu
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:37 0:00

Jaarmayaa Mootummootaatti Waajjirri Dhimma Baqataa UNHCR kan damee Keeniyaa akka jedhutti Keeniyaa Keessa baqattoota lammiin Itiyoophiyaa kuma 30 oltu jiru. Isaan keessaas hedduun isaanii ilmaan Oromooti. Baqattoonni kunis buufatawwan baqataa keeniyaa keessa jiran lamenii fi magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessa jiraatu. Warreen Naayiroobii keessa jiraatan jiruu moo’achuudhaaf hedduu carraaqu, kaan manneen nyaataa, kaan hojii humnaa, kaanis daldalatti bobba’anii kan jiran jiru.

Gabaasaaan VOA Naayiroobii Galmoo Daawit Baqataa Oromoo Ibsaa Bakaree jedhamu waliin turtii godheera. Ibsaan Baqataa Oromoo Naayiroobiitti geejjiba mootoraan kennee jiraatu yoo tahu, maatii isaatis galii hojii kanarraa argatuun bulfata. Hojii isaa irrattis saamichi fi rakkoon kaan akka isa qunnamu dubbata.

XS
SM
MD
LG