Godaantoota Itiyoophiyaa kanneen 80 caalan biyya biyya ofii irraa ka'uun Bosaasoo Puntland eega dhaqqabanii booda dararaa namoonni seeraan ala nama deddebiisan irraan ga'aniin kan ka'e waan harkaa qaban mara dhabanii biyya ofitti deebi'uuf murteeffachuu isaanii ibsanii jiran.
Karoorrii isaanii Saa'uudii Arabiyaa dhaqqabuun carraa hojii argachuu akka ture ibsanii garuu akka daangaa Itiyoophiyaa ce'aniin namoota seeraan ala nama deddebisaniin tumaatiin irratti gaggeeffamuu fi bilbiila maatii godaantootaaf biyyatti bilbiluun yeroo ijoolleen isaanii iyyanii bo'an dhageesisaa akka turan ibsan.
Maatiin bo'iicha dhala ofii ykn kan firaa dhaga'es "maaloo hin ajjeesinaa! Maallaqa gaafataan ni ergiina" erga jedhanii booda herrega baankii itti kennamuun maallaqa gaafatamee kan ergan ta'u dubbatu.
Maallaqa gaafatan eega argatanii booda imaltuun ka'aniif hafee baadiyyaa keessatti akka isaan gadhiisan, baatii tokko lafoo deemuun magaala Bosaasoo dhaqqabuu isaanii himan. Kana giddutti waan nyaatanii fi dhugan dhabuun kan du'anii biraa hafan akka jiran dubbatanii jiran.
Godaantoota kana amma Dhaabbatni Godaantoota Addunyaa ykn IOM ofitti fudhatee biyyatti isaan galchuuf akka deemuu ibsamee jira.
Gabaasa Guutuu Caqasaa.