Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hundeessaa Fi Prezdentiin Jalqabaa Waldaa Barreessitoota Oromoo Gaaddisaa Birruu Boqotan


Kitaabolee Afaan Oromoo hedduu barreessuun ka beekaman, Gaaddisaa Birruu
Kitaabolee Afaan Oromoo hedduu barreessuun ka beekaman, Gaaddisaa Birruu

Kitaabolee Afaan Oromoo hedduu barreessuun ka beekaman barreessaa Gaaddisaa Birruu Waaqaa ganna 63tti addunyaa kanarraa boqotaniiru. Maatiin isaanii akka VOA’tti himanitti, waggaa lamaaa as dhukkuba onnee ka dhibamaa turan Gaaddisaa Birruu kaleessa galgala hospitaalatti lubbunsaanii darbeera.

Kitaaboleee Qubee Afaan Oromootiin warra jalqaba maxxansan keessaa takka tahuu kan himamu Barreessaa Gaaddisaan hundeessaa fi pirezdentii jalqabaa waldaa barreessitoota Oromooti. Jaalli isaanii gaazexeessaa Isaayyas hordofaa, barreessaa Gaaddisaa Birruu hog barruun Oromoo amma sadarkaarra jiruuf nama dhamayeedhaa jedhan.

Barreessaa Beekamaan Gaaddisaa Birruu Du'aan Boqotan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:16 0:00

Barreessaa Gaaddisaa Birruu bara 1950, Arsii boqqojjitti dhalatan barumsa isaanii sadarkaa tokkoffaa Asallatti yoo abratan, isa itti aanu ammoo Finfinnee dhufuun Yuuniversitii Finfinneetti haga sadarkaa digrii lammataatti hordofaniiru. Barreessaa Gaaddisaan ganna lama dura ka dhibee onneen ka dhibaman. Achiis yeroo yeroon dhibee dhukkubsatan kanaaf yaala argataa turanii dhiyeenya guyyoota kudhan dura dhibeen biraa itti dabalamee hospitaala geeffamanIlmi isaanii Behaayluu Gaaddisaa Birruu Sagalee Ameerikaaf

Dhibee dabalataa [Infection] somba isaaniirratti mullateen lubbuun isaanii akka dabarte himee duuti abbaa isaa akka isa gaddisiises hime.

Barreessaa Gaaddisaa Birruu kitaabota hedduu barreessaniiru, isaan keessaa ‘Namummaa’, Dhaamsa Abbaa, Fedhii Gam tokkee fi Kuusa Gadoo warra bebbeekamoo saba biratti fudhatama qabaniidha.

Dargaggoo Yoomiyyuu Mul’ataa pirezdentii Waldaa Barreessitoota Oromiyaati. Dursa yoo himu, Barreessaa Gaaddisaa Birruu hundeessaa fi hoogganaa jalqabaa Waldaa barreessitoota Oromooti jedhe. Kitaabni isaanii ‘Kuusaa Gadoo’ jedhus, kitaabolee bara 1991, keessa barraayana keessaa ka jalqaba Qubee Afaan Oromoon barreeffame ta’uus dubbate. Dabalees yoo barreeffamoota Barreessaa Gaaddisaan barreessan kuusaalee jechootaa abra dargii keessa qopheessuu, kana malees kitaaba afaan ingiliffaa takka agra afaan Oromoo fi Amaariffaatti jijjiiraniiru jedhe.

Yoomiyyuun Obbo Gaaddisaan gahee isaan Waldaa Barreessitoota Oromoo bu’ureessuu keessatti qabanis akkasitti ibsa.

Barreessaa Gaaddisaan warra waldaa kana hundeesse keessaa tokko tahuu eeree, waldaa kana lafaan gahuuf hedduu akka dhama’an hima. Keessumaa barreessitoonni dargaggootaa akka ol dhufaniif waldaa kana keessaa hedduu dhamawuu dubbata Yoomiyyuun.

Isaayyaas Hordofaa Barreessaa fi Gaazexeessaan Oromoo, warra Waldaa Barreessitoota Oromoo Barreessaa Gaaddisaa waliin hundeesse keessa tokko dha.

Waayee Barreessaa Gaaddisaa yoo dubbatu, jalqaba yeroo Raadiyoonii Itiyoophiyaa keessa hojjetu akka wal bare hima. Yeroo sanas Gaaddisaan barreeffamoota fi seenessa barreessee akka gara Raadiyoo Itiyoophiyaa akka dhufu himee, achumaan michoomni keenya itti fufee waldaa Barreessitoota Oromoo bara 2004 dhaabne jedha.

Barreessaa Gaaddisaa Birruu
Barreessaa Gaaddisaa Birruu

Gaazexeessaa Isaayyaas Barreessaa Gaaddisaan warra jalqaba kitaaba isaanii qubee Afaan Oromoon dhiyeessan keessaa takkaa jechuunis dabalanii himu. Keessumaa bara 1979 barreeffama kuusaa gadoo jechaan duuba maxxanfame, hog barruu Oromoo warra jalqaba qubee Afaan Oromoon barraaya keessaa tokko jedhan.

Keessumaa Barreessaa Gaaddisaa Birruu kan ittiin beekaman Waldaa Barreessitoota Oromoo hundeessuu fi gaggeessuudhaani. Gaazexeessaa Isaayyaas hordofaa haalli kun salphaa hin turree jedha.

Hojii waldaa kana hundeessuus nama afur taanee . (Isaayyaas hordofaa, Gaaddisaa Birruu, Tafarii Nugusee fi Toleeraa Fiqiruu) jalqabnee jedhu yoo yaadatan.

Gaazexeessaa Isaayyaas Hordofaa, waldaan kun bara 2004 Finfinnetti akka hundaayes hime. Amma Waldaa barreessaaa Gaaddisaa Birruu hundeessan ka gaggeessu Yoomiyyuu Mul’ataas Waldaan Barreessitoota Oromoo miseensota 200 ol akka qabu Sagalee Ameerikaaf himeera.

Dhibee Onneen ka lubbuun darban Barreessaa Gaaddisaa Birruu abbaa ijoollee jahaa yoo ta’an sirni awwaala isaaniis boruu Finfinnee mana amantaa Yooseef tti akka gaggeeffamu maatiin isanii beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG