Xurree ittiin seenan

Breaking News

Benishaangul Keessatti Sababaa Rakkoo Nageenyaan Hojiin Qonnaa Gad-bu’uun Himame 


Benishaangul Keessatti Sababaa Rakkoo Nageenyaan Hojiin Qonnaa Gad-bu’uun Himame 
Benishaangul Keessatti Sababaa Rakkoo Nageenyaan Hojiin Qonnaa Gad-bu’uun Himame 

Naannoo Benishaangulitti lafti qonnaa dhibbantaa 50 tahuu sababaa rakkoo nageenyaaf bara oomishaa 2013/14tti hin qotamne jechuun Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Naannichaa beeksise.

Hoogganaan Biirichaa, Obbo Babakir Haliifaa akka jedhanitti, haalli Qonnaa Godinaalee Kaamaashiifi Matakkal keessa ture rakkisaa turuu himanii jiru.

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Benishaangul Gumuz, Obbo Mallasa Bayyana, gama isaaniin, “Mootummaan waan hidhattootarratti tarkaanfii fudhachaa jiruuf, namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’an deebisuun, akka jallisiin lafa isaanii misoomsan karoorfameera” jechuun dubbatanii jiru.

Dhimma kanarratti, yaada isaanii kan gaafanne, ogeessi Diinagdee Doktor Guutuu Teessoo, “Sababaa dhabamuu nagaan, lafti donna qotamuu dhabuufi kanneen biroon, rakkooleen hawaas-diinagdee uumaman hammaatoo waan waan tahaniif nagaa buusuutu barbaachisa” jechuun dhaaman.

Benishaangul Keessatti Sababaa Rakkoo Nageenyaan Hojiin Qonnaa Gad-bu’uun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:49 0:00


XS
SM
MD
LG