Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boombiin Of Wareegaa Afgaanistaan Gama Kibbaa Keessatti Dho’e Lubbuu Hedduu Galaafate


Shakkamaan Haleellaa Beeljiyeem To’annaa Jala Oole
Shakkamaan Haleellaa Beeljiyeem To’annaa Jala Oole

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti ennaa haleellaan sun raawwatame loltoonnii fi hojjettoonni mootummaa mindaa isaanii fudhachuuf jecha baankii magaalaa Lash-karga fuulleetti wal ga’anii turan.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Sanaa Omar Zwak VOaf akka ibsanitti kanneen balaan madaa’uu irra ga’e hangi tokko haala hamaa keessa jiru. kanneen miidhaan ira ga’ keessaa siivilotaa fi angawoota waraanaatu keessatti argama.

Haleellaan kun ayyaanni Ramadaanaa dilbata dhuftuu utuu hin ga’in dura raawwatame.

Kan balaa sanaaf itti gaafatama fudhate Talibaan loltoota Afgaanistaanii fi hojjettoota dhaaba basaasaa 80 ol ajjeesuu isaa dubbata.

Dubbi himaan garee loote seentotaa Mohammad Yousaf Ahmadi akka jedhetti haleellaan sun guyyaa baankiin humnootii naga eegumsaa qofaa keessummeessuu fi siivilonni keellaa sana akka hin seenne dhorketti.

Kan USn hoogganamu humntooti wal taatotaaf ajajaa kan ta’an Brgaader General Roger Turner haleellaa sana balaaleffatanii jiran. Halellaan gara jabinaa namoota nagaa ayyaana waggaa kabajuuf mindaa isaanii eeggatan irratti fuuleffate jedhan.

XS
SM
MD
LG