Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelli Somaaliyaa Ammaaf Ittisameera: Tokkummaa Mootummootaa


Beelli Somaaliyaa Ammaaf Ittisameera: Tokkummaa Mootummootaa
Beelli Somaaliyaa Ammaaf Ittisameera: Tokkummaa Mootummootaa

Somaaliyaan ammaaf beela hamaa of irraa ittisuu dandeesseetti, garuu biyattiin haalli ishee laaffataa, uummati ishee beela’uu itti fufa jechuu dhaan gabaasi tokkummaa mootummootaa beeksisee jira.

Somaaliyaaf Daayrikterri sagantaa nyaata addunyaa kan ta’an Laurent Bukeera akka jedhanitti uummata miliyoona 3.2tu rakkina keessaa jira. Ijoolleen kuma 70 kanneen hanqina nyataa hamaan dararamaa jiran dabalatee kanneen kuma 350 ta’an hanqina nyaataan rakkataa jiran.

Bukeeraan akka jedhanitti uummata kuma 700 ta’utu nyaataa fi bishaan barbaacha qe’ee ofii dhiisanii godnaanan. Beeladaaleen kuma dhibbaan laka’aman bishaanii fi marga dheedichaa Dhaba irraa dhumaniiru. Uummati 600 ol ta’an beela irraan kan ka’e ofi irraa ittisuu waan hin dandeenyeef dhibee kooleraan du’aniiru.

Haalli rakkisaan akkasii jiraatus jaarmoliin gargaarsaa faallaa isa kan bara 2011 ennaa uummati kummi 250mn beelaan du’anii deggersa hawaasa addunyaan beela miilanaa ittisuu danda’aniiru jedhan Bukeeraan.

Bukeraan VOAf akka ibsanitti gargaarsa barbaachisu kennuu itti fufuuf tokkummaan mootummootaa maallaqatu isa barbaacisa jedhan.

Yeroo ammaa baatilee ja’an itti aananiif kan oolu doolaara miliyoona 300tu nu barbaachisa. Sana malee gargaarsa uummata miliyoona 2.5f goonu dhaabuuf dirqamna. Sun immoo ijoollee miliyoona tokkoo fi dubartoota ulfaaf harma hoosisan dabalata jedhan Bukeeraan.

Hongeen mallattoo dhabamuu agarsiisaa waan hin jiru, walitti bu’iinsi al-Shabab waliin jiru rakkoo hamaa uumee waan jiruuf gargaarsi jiru waggaa kana darbees itti fufuu qaba jedhan.

Beelli Somaaliyaa Ammaaf Ittisameera: Tokkummaa Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:15 0:00

XS
SM
MD
LG