Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukaasi Buufata Poolisii Moqaadishoo Haleele Lubbuu Galaafate


Dhukaasi Buufata Poolisii Moqaadishoo Haleele Lubbuu Galaafate
Dhukaasi Buufata Poolisii Moqaadishoo Haleele Lubbuu Galaafate

Odu gabaasaan VOA sagantaa afaan Somaalee, Ahmed Hassan Olaad akka jedhetti haleellaan sun buufata poolisii Wabeerii kan daandii Maka al-Mukarramaa irra jirutti fuuleffate.

Dhuka’aan konkolaataatti guutame buufata poolisii Moqaadishoo keessaatti rukutame yoo xiqqaate namoota saddeet yoo galaafatu afur madeessee jira.

Odu gabaasaan VOA sagantaa afaan Somaalee, Ahmed Hassan Olaad akka jedhetti haleellaan sun buufata poolisii Wabeerii kan daandii Maka al-Mukarramaa irra jirutti fuuleffate.

Kan ennaa haleellaan sun raawwatame buufata poolisii sanatti dhiyoo ture Olaad akka jedhutti namni tokko konkolaataa Toyota gara buufata sanaatti ariifatee oofu argee jira.

Gareen yeroo hatattamaa bakka sanatti argamanii kanneen madaa’an gargaaraa turan.

Balaa sanaaf battala itti gaafatma kan fudhate hin jiru, garuu yeroo hedduu gareen al-Shabab biilsaalee mootummaa fi bakka angawoonni mootummaa yeroo hedduu itti wal ga’an irratti haleellaa raawwata.

Kibxata darbe miseensi al-Shabab boomii biilsa bulchiinsa biyyattii kan konyaa Wadjir jiru haleeluu dhaan yoo xiqqaate namoota 10 galaafatee jira.

Waxabajjii 15 loltoonni al-Shabab mana nyaataa beekamaa Moqaadishoo keessaa haleelanii jiran. Haleellaa sanaan kanneen haleellaa sana raawwatan ja’a dabalatee namoota 29tu dhume.

XS
SM
MD
LG