Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Naannoo Amaaraa Waldaaleen Siivikii Dhimma Filannoo Irratti Hojjetanii Hanqina Bajataa Qabaan Jedha


Bulchiinsa naannoo Amaaraatti waldaaleen siivikii dhimma filannoo wajjiin wal qabate irratti hojjetan, hanqina baajetaa irraa kan ka’e, hojiiwwan hojjechuun irra ture akka hojjechuu hin danda’iin dubbatu.

Ulaagaa guutanii, Boordii Filannootiin filatamuu isaanii kanneen dubbatan – waldaaleen kun, hojiin isaanii filannoon geggeessamuu dura waa’ee filannoo hubannoo kennuu fi yeroo filannootti immoo taajjabdoota ta’anii socho’uuf akka ture dubbatan.

Dhimma kana irratti Boordii Filannoo irraa deebii argachuuf, kaleessa irraa yaaltee, deebii argachuu dhabuu ishee – Aster Misgaanaaw, Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG