Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Filannoo Biyyaalessaa Hundeessamuun Ibsame


Gorsaa Tika-nagaa Biyyaalessaa muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa, Obbo Gedduu Andaargaachew
Gorsaa Tika-nagaa Biyyaalessaa muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa, Obbo Gedduu Andaargaachew

Gorsaan Tika-nagaa Biyyaalessaa, muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Obbo Gedduu Andaargaachew, kan nageenya filannoo walii-galaa Itiyoophiyaa eegu, Koreen Filannoo Biyyaalessaa hundeessamuu isaa beeksisanii jiran.

Har’a waajira Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaatti ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, Ministaroonni Mootummaa dhimmi isaa ilaallatu, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa fi qaamonni dhimmicha keessaa qooda qaban kanneen biroon miseensota Koree Filannoo huneeffame kanaa tahuu dubbatan.

Matakkalii fi Oromiyaa bakawwan tokko tokko irraa kan hafe, naannoolee hundatti wantoonni filannichaaf barbaachisan bobbaasamuu isaaniis ibsanii jiru – jechuun, Eskindir Firew Finfinnee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG