Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayyinaan Atlaantik Irraan Afriikaa Dhaqqabuun Sodaa Uumee Jira 


Ajajaa waraanaa gameessa Yunaayitid Isteetis kan Afriikaa Jeneraal Stefen
Ajajaa waraanaa gameessa Yunaayitid Isteetis kan Afriikaa Jeneraal Stefen

Beejiing andaara andaara galaana Atlaantik kan Afriikaa irratti buufata doonii guddaa ykn doonilee xayyaarota baatan kan keessummeessu buufata humna galaanaa guddaa hundeessuu waan barbaaduuf yaaddoon waraanaa Chaayinaa irraa hammaataa adeeme jechuu dhaan ajajaan waraanaa gameessi Yunaayitid Isteetis kan Afriikaa beeksisanii jiran.

Jeneraal Stefen Townsend Associated Presiif akka ibsanitti, Caayinaan waaltaa humna galaanaa hundeessuu yaaduu dhaan, Moritaaniyaa dhaa hanga Naamiibiyaa kibbaatti kan jiran biyyootii Afriikaatti dhiyaattee jirti.

Kun dhogomnaan Chaayinaan Atlaantik ykn garba paasifik orratti maadhee doonii waraanaa hundeessuu dhaan humna galaanaa ishee babal’ifachuuf ta’a jedhan.

XS
SM
MD
LG