Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Tigiraay Irratti Ibsa Awustiraaliyaa


Faayili - Namoota bakka awaalaa kanneen loltoota Ertiraatiin ajjeefamuun himame bira dhaabbatanii gadda ofii ibsachaa jiran, Qarqara Maqalee
Faayili - Namoota bakka awaalaa kanneen loltoota Ertiraatiin ajjeefamuun himame bira dhaabbatanii gadda ofii ibsachaa jiran, Qarqara Maqalee

Awustiraaliyaan walitti-bu’insa Tigiraay keessaa irratti Koomishinarri Ol’aanaa Mirga Namoomaa, ka Tokkummaa Mootummootaa fi Koomishinni Mirga Namoonaa Itiyoophiyaa akka gamtaan qorannaa geggeessan ka waajirri Koomishinaricha Tokkummaa Mootummootaa labse ka simattu tahuu beeksiste.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad, akka loltoonni Ertiraa daangaa Itiyoophiyaa keessaa bahan gaafa Bitootessa 26,2021 labsuun isaaniis tarkaanfii qajeelaa ka biraa akka tahe ka dubbatte, Awustiraaliyaan, akka mootummaan Itiyoophiyaa kanneen yakka raaw’atan mara akka itti gaafataman taasisuu fi hookkara naannoo sana keessatti geggeessamu dhaabsisu dhiibbaa gochuu kan itti fuftu tahuu hubachiistee jirti.

Austraaliyaan dhiittaalee mirga namoomaa Tigiraay keessaa gabaasaman, kanneen akka hookkara humnaan gudeeddii fi saala irratti hundaa’ee harka lafa jalaan geggeeffamee ilaalchisee akka yaaddoo jabaa qabdu kan ibsite Awusraaliyaan, ka dhaabbatichi Tokkummaa Mootummootaa gaafa Bitootessa 22 gochaalee hookkaraa saala irratti hundaa’ee geggeessame balaaleffatee fi kanneen yakka kana raaw’atan akka seeratti dhihaatan ka dhiibba godhu tahuu ibse ka cimsitee deggertu tahuu beeksisee jirti.

Kanneen rakkinatti jiraniif ka gargaarsa tahu, Doolaara Miliyoona sadii karaa Sagantaa Nyaata Addunyaa ka Tokkummaa Mootummootaa kan arjoomtu tahuunis beekamee jira.

XS
SM
MD
LG