Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Prezidaant Traamp Seera Cabsuu fi Dhiisuu Irratti Seera-tumtoonni Lamatti Qoodamanii Jiran


Waa’ee Prezidaant Traamp Seera Cabsuu fi Dhiisuu Irratti Seera-tumtoonni Lamatti Qoodamanii Jiran
Waa’ee Prezidaant Traamp Seera Cabsuu fi Dhiisuu Irratti Seera-tumtoonni Lamatti Qoodamanii Jiran

Dhuga-ba’insi marsaa lammataa mana-maree Yunaayitid Isteeets fuul-duratti geggeessame, waa’ee Raashiyaan filannoo Prezidaantummaa Yunaayitid Isteets bara dabree keessa harka galfachuuf carraaqqii gooteetti fuuleffata. Dhimmi ijoon haga ammaatti murtii hin argatiin jiru, haala Raashiyaatti hidhata-qabuun prezidaant Traamp seera Yunaayitid cabsan moo hin cabsine? Ka jedhu.

Ibsi prezidaantichi torban dabre fuula Twiiterii isaanii irratti maxxansan akka agarsiisutti, waan qorannaa jala jiran fakkeessa. Akka waan adamsamaa jiraniitti eeran. Abbukaatoolee isaanii keessaa tokko ka ta’an – Jeey Sekuloo garuu, ni haalan. Prezidaant Traamp qorannaa jala jiraachuu isaanii ka mirkaneessu ragaan sirnaawaam akka hin jirre dubbatan.

Jalqaba baatii kanaa irra, daarektarri Dhaabbata Qorannaa Biyyoolessaa Yunaayitid Isteets, kan FBI – Jeems Komeey, Koree Mana-maree Murtii-seeraa yokaan Senerii Yunaayitid Isteets duratti ennaa dhugaa-ba’anitti, Prezidaantichi, “qorannaan kun akka hafu goota, jedheen abdadha” jechuu isaanii dubbatanii turan. Gorsaa Naga-eegumsaa biyyoolessaa duraanii taayitaa irraa hariyataman – Maayikil Filin irratti qorannaa geggeessamu ilaalchisuun kana dubbatan. Jechu prezidaantichaa akka ajajaatti akka itti dhaga’ame dubbatan – Kooomeen.

“Haasaan prezidaantichi ana waliin godhan seera cabsuu yaaluu dha – jechuun gahee koo natti hin fakkaatu. Garuu, akka haasaa nama jeequuttan fudhadhe. Akka waan baay’ee yaaddessaa ta’eetti” jedhan.

Prezidaant Traamp garuu, ni haalan.

“Ani sana hin jenne. Akkan jecha namoota hundaa har’a dubbiseetti, otuun jedhe tahes waan badii ta’u hoomtuu hin jiru. Garuu, ani sana hin jenne” jedhan.

Dhimma Raashiyaa waliin hidhata qabuun ka seera-cabsuutti prezidaant Traampiin himachiisuu danda’u – ragaan quubsaan jiraachuu irratti xiinxaltoonni seeraa wal-falmaa jiran. Ripuublikaanonni hagi tokko amma illee gama Traamp goranii falmaa jiran. Hoogganaan Gumii Qorannaa addaa dhimma kanaaf hundeessamee – Roobert Muuler, waa’ee Traamp xiyyeeffannaa qorannaa ta’uu fi dhiisuu waan ifattti dubbatan hin jiru.

Waa’ee Prezidaant Traamp Seera Cabsuu fi Dhiisuu Irratti Seera-tumtoonni Lamatti Qoodamanii Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:18 0:00

XS
SM
MD
LG